header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Dhaabbanni Mootummoota Gamatoomanii Jibbiinsa Sanyii fi dararaa Poolisiin Ameerikaa ummata gurraacha irratti raawwatu ilaalchisee marii geggeessuuf tahuu beeksise

Dhaabbatichatti Ejensiin Mirga Dhala Namaa ibsa baaseen himannaa “dhaabbilee mootummaa Ameerikaa keessatti jibbiinsi sanyii hammatu jira; akkasumas ummata karaa nagaayaatiin hiriira bahe irratti poolisiin tarkaanfii humnaa ol tahe fudhatee jira”jedhu ilaalchisee yeroo dhihoo keessatti falmii geggeessuuf qophii tahuu beeksise.
UN’tti Ejensiin Mirga Dhala Namaa ibsa Wixata har’aa base kanaan, murtii waltajjii falmii qopheessuu jedhu kana irra kan gahe gaaffi biyyoonni Gamtaa Afrikaa torbee dabre bakka bu’ummaa Burkinaa Faasootiin dhiheessan irratti hundaahuun tahuu ibse.
Ajjeechaa sukkanneessaa torbee sdi dura nama gurraacha lammii Ameerikaa irratti poolisoota Adiin raawwatame hordoffuun, dhimmi jibbiinsa sanyii guutuu addunyaa keessatti falmii haaraya kaasuun ni beekama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button