header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii Gamtaan waraana Arabaa Yaman keessatti yakka waraanaa raawwatuu ibse

UN akka jedhetti , gamtaan waraana  Arabaa Sa’udii fi Emreetin hogganamu haleellaa finciltoota Huusii irartti raawwataa jiruun lubbuu lammiilee nagayaa heddu kan galaafate tahuu beeksise. Gabaasni Kiibxata har’aa UN irraa bahe, gamtaan waraana Arabaa haleellaa finciltoota irratti raawwatuun lammiileen nagayaa akka hin miidhamneef of eeggannoon godhaa ture haalaan xiqqaa tahuu ibse.

Gamtaan waraana Arabaa haleellaa qilleensa irraan Yaman keessatti raawwateen lammiileen nagayaa 10,000 akka ajjeefamanii fi uggurri buufataalee Doonii fi daandii qilleensaa irra kaahames seera Addunyaa kan cabse tahuu gabaasni kun ni mul’isa. Ejensiin gargaarsa Daa’immanii UNICEF gama isaatiin akka jedhetti, waraana hamaa Yaman keessatti deemaa jiruun walqabatee beelaa fi dhibeen guyyatti daa’imman 130 kan du’an tahuu beeksise.

Gamtaan biyyoota Arabaa Sa’udii fi Emreetiin hoogganamu waggaa 3 fi ji’a jaha dura mootummaa Yaman deeggaruun finciltoota Huusii Iiraaniin deeggaraman irratti duula bal’a jalqabuun isaa ni yaadatama.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button