header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Lakkoofsi Lammiilee Afghaanistaan Sabaaba Caamaatiin qe’ee irra buqqa’aanii 275,000 gahu ibsame.

UN gabaasa guyyaa har’aa baase kana irratti, lakkoofsi lammiilee Afgaanistaan sababa caamaatiin qe’ee isaanii gad lakkisaanii baqatanii, baay’ina lammiilee biyyattii bara kana sababa walitti bu’iinsaatiin qe’ee irraa buqqifamanii 57,000’n kan caalu tahuu ibse. Dabalataanis ummanni miiliyoona lama tahuu hanqina nyaataa fi bishaaniitiin rakkina hamaa keessa kan jiru tahuu gabaasni UN ni addeessa.

Jireenyi lammiilee Afgaanistaan miiliyoona 20 tahanii qonna irratti kan hundaaye. Akka gabaasa kanaatti qotee bulaan biyyattii harki caalu bara darbe sababa caamaatiin oomishini guututti kan irraa bade akka tahee fi horiin 40% ol ammoo kan irraa dhumate tahuu mul’isa.

Gama biraatiin ammoo sababa walitti bu’iinsaatiin guutuu biyyattii keessatti lammiileen heddu qe’ee isaanii irraa buqqifamanii kaampiilee keessa qubatanii kan jiran yoo tahu, lakkoofsi lammiilee Afgaanistaan lola mootummaa fi gareewwan hidhattootaa jiddutti geggeefamaa jiruun bara kana qe’ee isaanii irraa baqatanii 218,000 akka tahe gabaasni kun ni mul’isa.

Beela Afgaanistaan

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button