header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Dhaabbileen Muslimaa Dararaa Faransaay Muslimoota irratti raawwattu dhaabsisuuf UNtti iyyannoo galchan

Dhaabbileen 36 mootummaan ala tahan kunniin biyyoota 13 irraa kan walitti dhufan yoo tahu, Manni Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii darara Faransaay Muslimoota biyyattii irratti raawwataa jirtu dhaabsisuuf, hatattamaan tarkaanfii seeraa akka fudhatu gaafatan.

Gamtaan dhaabbilee Muslimootaa kun iyyannoo UNtti dhiheesseen, Faransaay keeyyatawwan jibbiinsa Islaamummaa jajjabeessan heera biyyattii keessaa akka haqxus gaafate.

Duulli cimaan jibbiinsa islaamummaa qolachuuf haala qindaaween akka idil addunyaatti geggeeffama jiru kun kan jalqabaa yoo tahu, heera fi seera addunyaa cabsuun dhiibbaan Faransaay muslimoota biyyattii irratti raawwataa jirtu duula kanaaf sababa tahuus ibsame.

Faransaay baatiiwwan muraasa dabran keessatti qofa duula farra islaamummaa jalqabdeen, dhaabbata muslimoota biyyatti guddicha jibbiinsa Islaamummaa qolachuuf hojjatu fi dhaabbata muslimoota biyyattii guddicha tola ooltumaa irratti hojjatu cuftee jirti. Dabalataanis Faransaay maqaa finxaaleyyummaa too’achuutiin, guutuu biyyattii keessatti Masjiidotaa fi wiirtuulee islaamaa heddu cufte.


Qabxiilee iyyannoo Gamtaan dhaabbilee Muslimoota Idil Addunyaa UNtti dhiheesse jidduu:
Faransaay hokkara siyaasaa sababeeffachuun, qajeelfamoota jibbiinsa islaamaa jabeessan sirna haqaa fi humna poolisa biyyattii keessatti diriirsaa jirti. Mootummaan biyyattii Dirqama amantaa muslimoonni raawwatan akka mallattoo finxaalessummaatti ilaalaa jirachuu fi heera biyyattii amantaan mootummaa irraa bilisa jedhu dawoo godhachuunis, sochii amantaa fi siyaasaa muslimoonni biyyattii raawwatan hunda danqaa jira. Keessumattu Mootummaan Faransaay labsii fi waadaa idil addunyaa heddu moggatti dhiisuun mirga daa’imman muslimaa sarbaa akka jiru himannaan kun ni addeessa.

Dhaabbilee dokumantii iyyannaa UN’f dhihaate kana mallatteessan jidduu:

Muslim Lawyers Association, South Africa

Association of Muslim Professional of South Africa

Sabir’s Legal Services, The Netherlands

CAGE, UK

The Islamic Council of Victoria, Australia

Bruxelles Panthères, Belgium

Simon Fraser University Centre for Comparative Muslim Studies, Canada

European Muslim Initiative for Social Cohesion (EMISCO), France

The Frantz Fanon Foundation

Decolonial International Network (DIN), The Netherlands

Muslim Rights Watch, The Netherlands

Khadija Leadership Network, New Zealand

University of Sialkot, Pakistan

Nyans: Muslim, Sweden

Antirasistisk Akademi, Sweden

Islamic Central Council Switzerland

Gonulelcileridernegi, Turkey

Muslim Youth Network (MYN), United Kingdom

Human Aid, UK

Norbury Muslim Centre, United Kingdom

West Norwood Muslim Community Project, United Kingdom

The Muslim Public Affairs Committee UK

Finsbury Park Mosque, UK

Lewisham Islamic Centre, UK

Muslim Association of Britain

The Federation of Redbridge Muslim Organisations, UK

Friends of Al-Aqsa, UK

Muslim Engagement And Development, UK

New York for Syrian Refugees, USA

The Council on American-Islamic Relations, USA

Islamic Center of the Capital District, USA

Islamophobia Studies Center, USA

Northwestern University, USA

Islamic Cultural Centre UK

Austrian Network for Refugees fi

Yaqeen Institute, USA tahuu odeeyfannon arganne ni mul’isa.

6 Comments

  1. as,wr wb. gaafi waaye zakaa.
    zakaan ka ‘umsi maallaqa Ethiopia hagam irra jalqaba?
    herregni isaa kuni akkami ?

  2. As wr wb Olomaa’ota Daa’iiwwaan ustaazzan walumaagalatti santaan Nuural huda irratti dhiyaatu hudi Gaarii fi kan nama barsiisu Rabbiin isinirraa haajaallaatu umrii Nuuf dheera dha Nutis waa hubatee itti fayyadamu Nuhaa hill ptaasisu
    YAADA
    Waa’ee ummata keenya kan biyyaa ormaa keessaa jiraatani irratti waaxiqo dubbachuu Barbaada innis yeroo wal fuudhan osoo maatiin nikaaha hin godhin Namuma ta’e yaamani nikaaya goone jedhu keessattuu biyyaa Arabaa kana irratti akka nuuf hujjattan Baara kallaahu fiikum jazaa kumullahukeyra

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button