header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Dhaaltuun Gonfoo Sa’uudii Prezdaant Erdogaan waliin wal arganii mari’achuuf kan gaafate tahuu gabaafame

Ministeerri haajaa alaa Turkiyaa Mavlut Kavusoglu gaaffii fi deebisaa gaazexaa Jarman waliin godheen akka jedhetti,  Muhammad Bin Salmaan dhimma ajjeechaa qonsilaa Istanbul keessatti raawwatame irratti prezdaant Erdogaan waliin telefoonaan kan haasaye yoo tahu, Dahaaltuun Gonfoo Sa’uudii wal gahii garee biyyoota “G20″jedhamuun beekamuu,  kan  November 30,2018 Arjentiinaa magaalaa Buenos  Aires keessatti geggeefamu irratti ,  Erdogaan waliin wal arganii mari’achuudhaaf gaaffii dhiheessuu  isaa ibse.

 

Kavusogluun aka jedhetti, Prezdaant Erdogaan dhaaltuu gonfoo Muhammad Bin Salmaan waliin mari’achuudhaaf rakkoo kan hin qabne tahuu ibsuun, Prezdantichi  gaaffii wal arganii mari’achuu Bin Salmaan irraa dhihaateef deebisaa “ni ilaalla”jedhu kan kenne tahuu hime.

 

Humnoonni tika Sa’uudii  October 2/2018 qonsilaa Istanbul keessatti gaazexeessaa Jamaal Khaashoqjii haala sukkanneessaa taheen eega ajjeessanii booda,  hariiroon mootummaa Sa’uudii fi Turkiyaa kan hammaataa dhufe tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Turkiyaan ajjeechaan kun ajaja qondaaltota mootummaa Sa’uudii ol’aanootiin raawwatamuu ragaa kan qabdu tahuu ibsuun, Sa’uudiin qondaaltota kanneen itti gaafatamummaa jalaa baasuuf jecha dhugaa dhoksuuf yaalaa jirti jechuun yakkite.

 

Odeeyfannoo birootiin ammoo, dhaaltuun gonfoo Sa’uudii biyyoota Arabaa keessatti daaw’annaa kan geggeessaa jiru yoo tahu, daaw’annaa guyyaa dheengaddaa Emreets irraa jalqabe kanaan, Isniina kaleessaa Bahreeyn eega daaw’ateen booda har’a Masri kan seene tahuun beekamee jira.  Bin Salmaan Daaw’annaa isaa itti fufuudhaan har’a waaree booda gara Tuniiz kan imalu yoo tahu, waldaaleen gaazexeessotaa fi dhaabbileen mirga namoomaa Tuniiziyaa Isniina kaleessaa ibsa kennaniin,  Daaw’annaa Muhammad Bin Salmaan kana balaaleffatuudhaan har’atti mormii yaamanii jiru.

Erdogaan Bin Salmaan

 

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button