header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dhalattoonni Magaalaa Baddeeysaa, Harka Qalleeyyiif deeggarsa doolaara 50,000 walitti qaban

Weerara dhibee Koroonaa Vaayiras jalaa baraaramuuf uggura labsame hordofuun bakka hedduutti sochiin hawaasaa dhaabbachuun ni beekkama. 

Uggura kana keessa ammoo harka qalleeyyiin ni miidhaman sodaan jedhu guyyarraa guyyatti kan jabaachaa dhufe yoo tahu, kanaaf immoo kutaa biyyattii adda addaattiis dursanii deeggarsi walitti qabamaa jira.

Haaluma kanaan dhalattoonni godina Harargee lixaa magaalaa Baddeysaa kanneen biyyoota alaa jiraatan, harka qalleeyyii magaalaa isaaniitti argamaniif guyyaa sadii keessatti deeggarsa Doolaarri 50,000 fi Makarooniin Makiinaa Ayisuuzuu 2 kan walitti qaban tahuu ibsan.

Deeggarsi kunis dhiyotti harka manguddootaa fi dargaggoota magaalaa Baddeysaa irraa filamanii kan galu tahus, qindeessitoota deeggarsaa jidduu namni dubbisne nuu hime.

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button