OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dhalattoonni Oromoo biyyoota Awurooppaa fi Ameerikaa Kaabaa jiran mootummaa Itoophiyaatti hiriira bahan

Hiriirri kun magaalaa guddoo Biritaaniyaa Landan, Faransaayi magaalaa Paaris fi Ameerikaa magaalaa Washington DC tti geggeeffame.
Hiriira kana irratti hoggantoonni siyaasaa Itoophiyaatti hidhaman akka lakkifamanii fi dararaan waraana mootummaa Itoophiyaan Oromiyaatti raawwatamaa jiru akka dhaabbattu gaafatan.

Hiriira magaalaa guddoo Biriteen Landanitti geggeeffame irratti dhalattoonni Oromoo achuma Biriteen jiranii fi biyyoota Awurooppaa gara garaa irraa dhufan irratti hirmaatanii jiran. Dhaadannoo adda addaa jechuunis mormii isaanii dhageessisan.

Haaluma wal fakkaatuun magaalaa guddoo Ameerikaa DC ttiis dhalattoonni Oromoo kutaa Ameerikaa gara garaa irraa walitti dhufan hiriira mormii bahan.

Faallaa hiriirtota Oromoo, lammiileen Itiyoophiyaa irra jireessaan Amaara tahan lakkoofsaan xiqqaatanis alaabaa sirna mootummaa duraanii leellisu qabatanii mootummaaf hiriira deeggarsaa bahu odeeyfannoon ni addeessa.

Tags
Show More

4 Comments

  1. qabsoon keenna itti fufa garuu sababbiin oromoo bakka maratti mana sirreessaa galaniif maali? nut fakkeennaaf magaalaa bulbula keessatti akka mana keenna bulluun dabnee jirra kana waan ta’eef ammas namni keenna gurguramee alagaaf wal gurguree walnaataa jira sababa kanaafuu oromian teenna waan bilisoomtu natti fakkaanne. oromian mootummaa qabdi??? sirritti naaf deebisaa gaafii kana???

  2. gidiraan kandur caalte,
    garaan nugubate
    nafxenyaan nudhaalte
    bilixiginnaan nufaalte
    rakkoon keenna
    yoom furama?

...

Back to top button
Close
Close