header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Dhalattoonni Oromoo Jibuutii keessa jiraatan gochi Sukkanneessaan nurratti raawwatamaa jira jedhan

Weerara Liyyuu Poolisiin Naannoo Somaalee daanga Oromiyaa keessatti raawwate hordofuun, lubbuun nama hedduu darbuu fi lammiileen miliyoonaan lakkaa’aman immoo qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamuun rakkataa jiraatuun beekamaadha.

 

Dararaa fi ajjeechaan  ummata keenya irratti raawwatamu kun dhalattoota Oromoo biyya alaa jiran irrattis raawwatamaa jira. Dhalattoonni Oromoo biyya Jibuutii magaalota adda addaa keessa jiraatan dhalattoonni Somaalee gocha gara jabeenyaa fi ajjeechaa kan isaanirratti raawwataa jiran tahuu nuuf himan.

 

Akka namni kun nuuf himetti, “magaalaa Humbuli jedhamtu kan ani keessa jiraadhutti, dhalattoonni Somaalee nama keenya kan afaan Oromoo haasawu yoo argan, tumaa fi gocha gara jabeenyaa nurratti raawwatu. Iddoowwan akka Hermus, Bilakabir fi Balbalaa jedhamuttis gocha Sukkanneessatu araawwatamaa jira. Imbaasiin Itoophiyaa fi qaamota nageenyaa biyya sanittis iyyaannoo dhiheefannus  nama nu dhagahuu argatuu hin dandeenye”Jedhe. Namni bilbilaan yaada isaa nuuf hime kun akka jedhutti, yeroo ammaa dhalattoonni Oromoo Jibuutii keessa jiraatan, manaa gad bahanii dalagatuuf soda guddaa keessa akka jiranii fi namoonni hedduun mana keessatti beelaa fi rakkoon dararamaa jiraatuu nuuf hime.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button