header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Dheebuun Walabummaa Ummata Kaatalaan Eessarraa Garamitti?

Qophii: Abuu Bilaal Huseen
Kaatalooniyaan naannoo Kaaba baha Ispeenitti argamtu yoo taatu, jiraattonni isii  ammoo Ummata Kaatalaan jedhamu. Nannoo isaaniitiin “Paisos Catalans” yookaan ammoo Biyya Kaatalaan jechuun yaamu. Baayi’inni ummata Kaatalaan miiliyoona 7.5 yoo tahu, Kuni ammoo Baayi’ina ummata Ispeen Miliyoona 46.56 keessaa dhibbeentaa 15 jechuudha. Magaalaa guddoo Kaatalooniyaa Baarseloonaa keessa qofa ummata miiliyoona tokko fi 600,000 ol ta’utu jiraata.
Ummatni Kaatalaan Seenaa, Aadaa fi Afaan ummata Ispeen kanneen biroo irraa adda ta’e qabu. Fakkeenyaaf afaan Ummata Ispeen “Spanish” yoo tahu, kan ummata Kaatalaan ammoo “Afaan Kaatalaan” jedhama.
Kaatalooniyaan jarraa 16ffaa keessa humnaan gara Ispeenitti osoo hin makamin waggaa 250 dura, yookaan ammoo jaarraa 12ffaa keessa, naannoo daangaa mataa ofii qabaachuun beekamtu turte.
Seenaa fi eenyummaan ummata Kaatalaan kun gaaffii walabummaa isaanii keessatti,yeroo hundaa qabxii isa jalqabaa ta’eeti argama.
Seenaa Ispeen  keessatti gaaffii bilisummaa Kaataluuniyaa qabaneessuuf jecha, yeroo adda addaatti Naannichaaf Bulchiinsi taayitaa guddaa(greater Autonomy) qabu kennamaafi ture.
Francisco Franco
Haata’u malee, bara 1939-1975 yeroo mootummaan abbaa irree Fransiskoo Fraankoo humna waraanaatiin Ispeen bulchaa turetti, bulchiinsa Kaatalaan diiguun Aadaa fi Afaan Kaatalaan akkasumas, mallattoo eenyummaa isaanii hunda uggure. Maatiin daa’imman isaaniitiif maqaa Spanish akka moggaasan dirqisiisaa ture. yeroo kana keessa ummata Ispeen kanneen naannoo hundaa caalaa cunqursaan Kaatalooniyaatti hamaa akka ture himama.
Bara 1975 erga mootummaan Fransiskoo Fraankoo kufee booda, naannoon Kaatalooniyaatiif Bulchiinsi taayitaa guddaa qabu heera biyyattitiin kennameef. Kanuma hordofuun naannichi guddina diinagdee cimaa galmeessisuu jalqabe. Kaampaniilee huccuu, elektrooniksii, warshaalee nyaataa fi Keemikaalaa heddu hammachuudhaan, kutaalee biyyatti 17 hedduu caalaa waliigala diinagdee biyaattiitiif utubaa taate. yeroo dhihoo asitti ammoo turiizimii fi kennaa tajaajilaatiin sadarkaa ol’aanaa irra jirti.
walumaa galatti Diinagdee Ispeen keessatti dhibbeentaa 20 ol qabachuudhaan naannoo badhaate ta’uu dandeesse.
Erga bara 2008 Ispeen rakkina diinagdee addunyaa muudateen garmalee miidhamtee asitti, ummanni kaatalaan humna qabeenya naannoo isaaniitiin onnachuudhaan, maqaa biyya Ispeen jedhuun rakkoo naannolee biraa baadhachuu mannaa, biyya walabaa uumachuu wayya gaafiin jedhuu jabaataa dhufe. yeroo kana Kaatalooniyaan  maallaqaa Mootummaa jiddugalaa irraa argattu irra caalaa, kan naannichi m.ootummaa Ispeen gargaaru dachaa hedduun guddataa dhufe.
Haaluma kanaan gaafiin walubumma kaatalooniyaa falmii yeroo dheeraa booda October 1/2017 rifarandamii mootummaan naannichaa qopheesseen, ummatni Kaatalaan harki irra caalu Ispeen irraa fottoquu filate. Mootummaan Ispeen ammoo kaatalaan gonkumaa hinfottoqtu jechuun dura dhaabbate. Jum’aa dabre paarlaamaan bulchiinsa Kaatalaan sagalee ol’aanaa ta’een Ispeen irraa walaba bayuu labse.
Mariano Rajoy, Mummicha Ministeera Ispeen
Muummichi ministeera Ispeen Maariyaano Rahoy seeneetii biyyatti walgahii hatattamaa erga yaamee booda, taayitaan Bulchiinsa Kaatalooniyaa diiguu isa dandeessisu kennameef. Mr Rahoy gama isatiin osoo oolee hin bulin guyyaa kaleessa Paarlaama  fi buulchiinsa naannichaa diiguu isaa labse. Akkasumas Pirazadaantii kaatalooniya dabalatee itti aanaa isaatii fi hoogganaa poolisii naannichaa taayitaa irraa ari’uun, bulchiinsa Kaatalaan kallattiin mootummaa jiddugalaa jalitti, itti aantuun muummicha ministeera Ispeen Ms Soraya Saez De Santamariya  akka hooggantu muudamte.
Pirezidaantiin Kaatalaan Karles Puigdemontii gama isaatiin akka jedhetti, gochi Maadriid fudhatama kan hinqabne; Kanaafuu ummanni Kaatalaan tasgabbaayuun murtii isaa irratti cichuu qaba jedhe. 
Carles Puigdemont Prezdantii Kaatalooniyaa
Abbaan alangaa Mootummaa Ispeen Pirezadaantii kaatalooniyaa dabalatee qondaaltota naannichaa  hedduu irratti himata biyya ganuufi ajajamuu diduu jedhuun himatee jira. Mootummaan Ispeen Pirezidaant Karles Puigdemontii fi qondaltoonni bulchiinsa isaa yeroo ammaa biyya Beeljiyeem keessa jiran, gara maadriid deebi’an mana murtiitti akka dhiyaatan gaafate Akkasumas mootummaan Ispeen Pirazadaantichi hayyamamaa ta’ee gara biyyaatti yoo kan deebi’u ta’e filannoo fuulduratti yaadame irratti akka hirmaatuuf kan hayyamamuuf ta’uu beeksise.
Mr Puigdemonti waamicha mootummaa Ispeen kanaaf deebii kenneen, qabsoo walubummaa ispeen irraa ufduubbatti kan hindeebine ta’uu ibsuudhaan, wabiin  yoo isaaf kenname gara Maadriid kan deemu tahuu hime.
Fottoquun naannichaa yoo kan milkaayu ta’e, haala kaataloniyaan keessa jirtu ilaalchisee yaadni ka’aa jiru baay’een isaa walfakkaata.
Xiinxaltoonni siyaasaa; yeroo dheeraan booda Kaatalooniyaan biyya walabaa taatee itti fufuudhaaf dandeetti gayaa qabdi; kanaaf immoo biyyoonni heddu kanneen gama hundaanuu kaatalaan hin geenne, Gamtaa Awurooppaa keessa jiraachuu akka ragaatti lafa kaayu. Haata’u malee beektonni siyaasaa kunniin, yeroon ce’umsaa ulfaataa ta’e kan naannicha eeggatu ta’ullee walfaanaa kaasu. kanaafis kaampaaniileen 1,600 ol rifarandamii geggeeffame hordofuun, baatii lamaan dabran keessa naannicha irraa gara Maadriiditti godaanuun yeroodhaaf kan naannicha miidhu tahuu ibsu.
Amma dheebuun bilisummaa ummata Kaatalaan gara xumuraatti kan dhiyaate fakkaata. Kaataluuniyaan biyya walabaa taatee itti fufti moo mootummaan Ispeen akkuma dhaadate humnaan kaatalooniya of jalatti bulchaan gaafii yeerooti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button