header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AkhlaaqaOg-Barruu

Dhiifama waliif haa goonu

Dhiifama waliif haa goonu. Dhiifamaas wal haa gaafannu.

Nama hin miidhin! Dogoggoraan yoo miidhaa nama irra geessite immoo dhiifama gaafatuu hin sodaatin. Rabbiin Gabroottan isaa kan dhiifama waliif godhan ni jaalata.

Wanti sodaatamuu qabu dhiifama gaafatuu osoo hin taane namtichi miidhame sun dhiifama naaf godha moo hin godhu kan jedhu tahuu qaba. Imimmaan nama miidhameefi Du’aa’iin nama miidhamee kan lafa hin buune tahuun beekamuu qaba.

Ilma namaa ta’ee kan hin dogoggore hin jiru. Yoo diqqaadha jettee tuffattee dhiiste malee osoo hin beekin nama miidhuu mala ykn miidhamuun mala, namni sabaaba kee osoo ati hin beekin imimmaan cophse jiraatuu mala, osoo ati quba hin qabaatin namni sii boochisuu mala.

Akkuma miidhamuu jibbinu, akkuma miidhaan nurra gahu nu dhukkubsu, nama miidhuu irraa nabsee teenya haa tiksinu. Kan nu miidheef dhiifama haa goonu! Kan miidhaa irra geessisne immoo dhiifama gaafatuun dhukkubbii san haa fayyisnu.

Rabbiin warra dhiifama gaafatu ni jaalata! Warra dhiifama namaaf godhaniis ni jaalata!

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button