Dhiiraa fi Dubartiin Wal Qixaa? Dr Zaakir Naayik Afaan ormootiin

Dr Zaakir Naayik Afaan ormootiin

Islaamummaa Keeysatti dhiiraa fi dubartiin wal qixa. Garuu Walqixxummaan wal fakkeenyaa miti. Haala uumamaa irratti hundaahee, ka’uumsa uumamarratti hundaahee, dhiiraa fi dubartiin garaagarummaa qabu. Ijaarsa qaamaatiin, xiin-sammuudhaan, sirna Keeysa qaamaatiin, humnaan garaagarummaa qabu. Haala uumamaa kanarratti hundaahuun, Rabbiin ol aane Uumaan nu hunda uume, seera kopha kophatti kaaye. Suuraa An Nisaa’ Suuraa 4ffaa aayaa 32 irratti, aayaa qur’aanaa:

“Waan Rabbi nama tokkoof kenne hin hawwinaa”  Je’utu jira.

Kun sirriidha, kun sirrii miti hin je’inaa. Isin hin beeytan, Rabbiin waan isiniif gaarii tahe ni beeka. Wanti isin anaaf gaariidha jettanii yaaddan, tarii isiniif gaarii tahuu dhabuu mala. Wanti hamaadha jettanii yaaddan ammo isiniif gaarii tahuu danda’a. Sababaa nuzuulaa aayaa tanaa yoo qorattan, Aayaan tun waan dubartoonni Rasuulaa mormii takka dhiheessaniif akka buufamte hubbattan. Yeroo sanitti dubartiin Rasuulaa, ﷺ ‘Nutis maaliif jihaada hin goone? Mirgi Kenya akka eeggamu barbaanna’ jechuu turan.  Qabeenya dhaaluu irratti hoo, maaliif wal qixa hin qooddanne?’ je’an. kanaaf aayaan tun buufamte. Loojikii waan san duubaan jiru Rabbi ni beeka. Isin garuu hin beeytan. Loojikii dhimma dhaalaa an isiniif kenna. Dubartoonni jihaada godhuuf, waraana irratti hirmaachuu barbaadanii turan. Wayta Aa’ishaan (Rabbi isiirraa haa jaalatuu) ‘Nuti jihaada godhuu dandeenyaa?’ jettee gaafattu, Nabiin keenya ﷺ Sahiiha Bukhaarii Keeysatti, dubartootaaf irra caalaan jihaadaa, Hajjii seeraan godhuudha’ je’anii deebisan. Rabbiin dubartootaaf maaltu gaarii akka tahe ni beeka.

Akkasumas namoonni faallaa islaamummaa jiran, dhiiraa fi dubartiin garaagarummaa akka qaban ni beekan. Garuu waan san amanuu hin fedhan. Addunyaan warra lixaa tun, miidiyaaleen warra lixaa kunniin, quba isaanii islaamummaa irratti qabaa jiran. Miidiyaa fi biyyoota warra lixaa kana gaafii gaafachuu fedha. Islaamummaan dubartoota ni cunqursa yoo ka je’anii, isaan warra dubartoota akkaan cunqursan Keeysaa warra duraati. Gaafii salphaa takka isaan gaafadha. Yeroo wal dorgommii Ispoortiidhaa dhiiraa fi dubartoonni maaliif bakka adda addaatti akka dorgoman taasifaman. Olompikii irratti, yeroo wal dorgommii fiigichaa kan Meetiraa dhibbaa, dhiiraa fi dhalaan maaliif waliin hin fiigne? Maalif? Maaliif dhiraa fi dubartoota kopha kophaa dorgomsiisan? Yeroo bishaan daakkaa, dhiiraa fi dhalaan maaliif kopha kophaa dorgomu? Waliin dorgomuu qabu ture. Yeroo Teenisii dirree fi Baadmentanii, baadmeentanii dhiiraa, baadmeentanii dubartootaa je’ama. Maaliif? Wal dorgommii kanarratti waan mixed doubles je’amutu jira. Mixed doubles jechaan dhiiraa fi dhalaan garee tokko tahanii, dhiiraa fi dhalaa garee biraa waliin wal dorgomu. Miseensi garee tokkoo, Inni tokko ol aanaadha tokko ammo gad aanaadha jechuudha. Maaliif dhiira lamaan gama tokko kaayanii, dubartoota lamaan ammo gama biraa kaayanii akka wal dorgoman hin goone? Gareen tokko dhiira tokkoo fi dhalaa takka qaba, gareen kaanis dhiira tokkoo fi dhalaa takka qaba. Eega walqixa ka jettanii maaliif garee tokko dhiira lama gootanii, garee kaan dhalaa lama hin goone ree? Sababni isaa, warri Lixaa kun dhiiraa fi dhalaan  qaamaan garaagarummaa akka qaban ni beekan. Abbaa Murtii Olompikii bira dhayxanii dubartoota maaliif cunqursitu maaf isaaniin hin jenne? Dhiiraa fi dhalaan waliin fiiguu maaliif dhoorgitan, maaf isaaniin hin jenne?

Miidiyaan tokko kan Olompikiin dogongora hojjatee jira je’ee balaaleeffate jiraa? Wimbildanii balaleeffatanii jiranii? Hin balaaleffanne.  Wal dorgommiin Booksiitis ni jira. Dhiiraa fi dhalaan akka wal dorgoman maaliif hin goone?

Garuu Yeroo qormaata kutaa kudhaniitti, dhiiraa fi dhalaan walumaan taa’anii qormaataman. Yeroo eeybaaf qophaayanis, dhiiraa fi dhalaan walumaan taa’an. Sababni isaa, Baruumsaan wal qabatee dhiiraa fi dhalaan wal qixa je’an. Garuu waan humnaan dalagamuun wal qabatee garaagarumma qaban je’an.

Waldorgommii bareedinaa beektuu? Wal dorgommii bareedinaa irratti, dhiirris kophaa dorgoma, dhalaanis kophaa dorgomti. Isaanii waliin dorgoman argitanii? Waldorgmmii bareedinaa kan dhiiraa fi dhalaanis waliin dorgoman arginee beeynaa? Argitanii beeytuu? …. Maaliif? Sababni isaa,  bareedinni dubartiidhaa bareedina dhiiraa irraa garaagarummaa qaba. Kanaafuu, Warri Lixaatis waan kana ni beeku. Garuu waan kana ifatti dubbachuu hin barbaadan. bakka dorgommiitti yeroo tokko tokko wal fakkaatuu danda’u. Yeroo tokko tokko ammo wal hin fakkaatan. Kanaafuu, dorgommii kam irratti hirmaachuu danda’u kan je’u irratti hundoofnee murteessina. Bakka kanatti dhiiraa fi dubartoonni adda adda. Bakka kanatti ammo dhiiraa fi dubartoonni wal qixa jenna. Haa tahu malee, Namni Rabbii keenya nu uume caala beeku eenyu? Allaah (SW) uumaa nu uume caala, waahee ilma namaa kan beeku eenyutu jira? Kitaaba isaa xumuraa Keeysatti, bakka dhiiraa fi dubartoonni tokko itti tahanii fi bakka garaagarummaa qaban ibsee jira. Walumaa galatti dhiiraa fi dubartoonni wal qixa, garuu tokkoo miti.

Kutaa tokko Keeysa barattoota A fi B je’amantu jira je’aa yaadaa. Qormaata irratti lameen isaaniituu 100 Keeysaa 80 argatan. Lameenuu sadarkaa duraa qabatan. Yeroo waraqaa qormaataa qorattan, gaafii kudhan kan hunduu qabxii 10 keeysaa 10 qabantu jira. Yeroo waraqaa qormaataa qorattan, barataan A gaafii duraatiif 10 Keeysaa 10 argate. Barataan B ammo 10 Keeysaa 9 argate. Kanaafuu gaafii duraa irratti Barataan A ni caala. Gaafii lammaffaa irratti ammo Barataan B 10 Keeysaa 10 argate. Barataan A ammo 10 Keeysaa 9 argate. Kanaafuu barataan B gaafii lammaffaa irratti barataa A irra wayyaawaadha. Gaafiilee hafan saddeettan jechuun 3 irraa kaasee hanga kudhaniitti lameenuu saddeet saddeet argatan. Lameenuu wal qixa. Yeroo walitti idaanu 100 Keeysaa 80 taha. Lameenuu wal qixa. Garuu gaafii tokkoffaa irratti barataan A wayyaawaadha. Gaafii lammaffaa iratti barataan B wayyaawaadha. Gaafiilee hafan hundarratti lameenuu wal qixa.

Haaluma wal fakkaatuun islaamummaa Keeysattis, Bakka wal qixa tahanitti gahee wal qixa qabaatu. Bakka wal fakkaatanitti gahee wal fakkaataa qabaatu. Bakka takka takkatti dhiirri caalee argama. Bakka gariitti ammo dubartoonni caalanii argaman. Fakkeenyaaf, Abbaa fi Haadha bakka jaalachuu qabnurratti, hadiisa Bukhaarii, Kitaaba Adabaa, Boqonnaa lammaffaa lakkoofsa Hadiisaa 5971 irratti, Namni tokko gara Rasuulaa dhufee, ‘Namni an akkaan jaalachuu qabu eenyu?’ je’ee gaafate. Nabiinis ‘haadha teeti’ haadha teeti, haadha teeti achi booda abbaa keeti je’aniin. Kanaafuu bakka kanatti, haatii takka Abbaan yoo wal bira qabamtu, ijoollee isiirraa jaalala harka sadihiin caalu argatti. Kanaafuu bakka kanatti Haati ni caalti jechuudha.

Haa tahu malee, fakkeenyaaf, hattuun tokko mana kiyya yoo seene, jaartii tiyyaa fi intala tiyyaan, “deemaatii hattuu kana ari’aa. An mirga dubartootaatti amana” je’ee usee hin taa’u.  dhiiraa fi dhalaa yeroo wal bira qabnu, Rabbiin Suuraa An Nisaa’ Suuraa 4ffaa aayaa 34 irratti, “humna guddaa warra dhiiraatiif kennee jira” je’a. Kanaafuu hattuu san ari’uun dirqama kiyya. Dirqama isii qarqaaruudhaa anatu qaba. Dhiirri an maaliif dhaluu dhabe je’ee komii dhiheesse jiraa? Sun dalagaa addaa dubartootaati. Dhiirri an maaliif daa’ima hoosisuu dhabe je’ee komii hin dhiheessine. Sun dalagaa dubartootaati. Kanaafuu uumama qaama keenyaa irratti hundaahee, uumama qaama keenya kan Keeysaarratti hundaahee, uumama xiinsammuu irratti hundaahee Rabbiin ol aanee, dhiiraa fi dubartootaaf dirqama garagaraa kenne. Yeroo tokko tokko dhiirri caalee argama. Yeroo tokko tokko dubartoonni caalanii argaman. Walumaa galatti dhiiraa fi dhalaan wal qixa.

Sababa kanaaf wayta mirga dubartootaa islaamummaa Keeysatti qur’aanaa fi Hadiisa Sahiihaan madaalatan, mirgi dubartootaa islaamummaa Keeysatti kan kabajame tahuu ni hubattan.  Carraa birraa hin qabdan. Islaamummaa Keeysatti isaan eeggamanii jiran. Isaan hin cunqurfamne. Wa aakhiru da’waanaa anilhamdulillaahi Rabbil aalamiin

Comments
Loading...