header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Dhimma Hidha Laga Abbaay ilaalchisee ogeeyyoonni seeraa fi teeknikaa biyyoota sadeenii Kaartuum keessatti mari’ataa jiran

Dhimma hidha laga Abbaay ilaalchisee Ityoophiyaa, Suudaanii fi Masri marii torbee dabre Ameerikaa keessatti geggeessan irratti, guutinsa bishaanii, adeemsa too’annoo fi bulchiinsa hidhaa ilaalchisee wixinee waliigaltee qopheessuuf walii galanii turan. Haaluma kanaan ogeeyyonni seeraa fi ogeeyyonni teeknikaa biyyoota sadeenii wixinee walii galtee qopheessuuf guyyaa har’aa Khaartuum keessatti marii kan jalqaban tahuu gabaafame.

Akkuma kanaan duraa marii ammaa kana irrattis, Ameerikaa fi Baankiin Addunyaa taajjabdummaan hirmaataa jiraatuu odeeyfannoon ni addeessa.

Ministeerri haajaa alaa fi Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii Ityoophiyaa torbee dabre ibsa kennaniin, mariin Ameerikaatti gaggeeffame bifa faayidaa Ityoophiyaa kabachiiseen kan adeemsifame tahuu ibsuun, gareen seeraa fi teeknikaa biyyoota sadeenii qophii wixinee walii galtee rakkoo malee yoo kan xumuru tahe, dhiheenyatti walii galteen dhumaa ni mallatteeffama jedhan. Akkaatuma kanaan hidha laga Abbaay ji’oota Adoolessaa fi Hagayyaa keessa, akkasumas yoo haalli mijataa tahe ji’a Fulbaana keessa bishaanin guutuuf waliigaltee duraa irra kan gahan tahuu ibsame.

Biyyoonni sadan waliigaltee dhumaa irratti mari’achuuf Washington DC keessatti wal gahuudhaaf January 28 fi 29,2020tti beellama qabatuu isaanii gabaasuun keenna ni yaadatama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button