header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Dhoohiinsa Guddaa Beeyruut keessatti muudateen namoonni heddu madaahuu gabaafame

Dhoohinsa hamaa galgala kana qarqara Buufata Doonii magaalaa Beeyruut keessatti muudateen, hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni kudhan akka du’anii fi kanneen biroo dhibbatti lakkaahaman ammoo madaahuu qondaaltonni biyyattii beeksisan.
Ministeerri fayyaa Lubnaan Hamad Hasan Aljazeeraaf akka himetti, dhoohinsi kun maal akka tahe hanga ammaatti hin beekamne. Haata’u malee dhoohinsa guddaa kanaan buufatnii doonii harki caalu akka barbadaaheefi, gamoowwan fageenya irra jiran hedduunis kan miidhaman tahuus ibsame.
Balaa kana hordofuun hojjattooni lubbuu baraaran helikoptaraa fi maakinootaan deeggaramuun ibidda naannichatti qabate dhaamsuuf kan carraaqaa jiran tahuus odeeyfannoon argame ni addeessa.

2 Comments

  1. Am Wr Wb?

    Maashaa Allaah, hojii ajaa’ibaa hojjechaa jirtani.App keessanis, TV keessanis akkaan hordofa.Qophiilee gaggaarii qopheessaa jirtan.Qophii namoota bebbeekamoo Addunyaa kanarraa, keessatti biyyoota dhihaa keessatti gara Islaamaatti deebi’an seenaa isaanii itti dhiyeessitanis osoo qabaattanii barnoota gaaritu irraa argama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button