header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Dhoohinsa Guddaa Beeyruut keessatti muudateen lakkoofsi namoota du’anii 137 gahuu gabaafame

Dhoohinsa hamaa Kiibxata dabre qarqara Buufata Doonii magaalaa Beeyruut keessatti muudateen, hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 137 akka du’anii fi kanneen biroo 5,000 ol tahan ammoo madaahuu qondaaltonni biyyattii beeksisan.
Ministeerri fayyaa Lubnaan Hamad Hasan balaa kana booda Aljazeeraaf akka himetti, dhoohinsa guddaa kanaan buufatnii doonii harki caalu akka barbadaaheefi, gamoowwan fageenya irra jiran hedduunis kan miidhaman tahuus ibse.
Balaa kana hordofuun hojjattooni lubbuu baraaran helikoptaraa fi maakinootaan deeggaramuun ibidda naannichatti qabatee ture carraaqqii cimaa booda kan too’atan tahus, ammas jijjigaa gamoowwanii jalatti nammoonni heddu kan awwaalaman akka taheefi, duullii lubbuu baraaruufi namoota dhabaman barbaaduu kan itti fufe tahuun beekamee jira.
Prezdantiin Lubnaan Misheel Awun dhoohinsi kun keemiikala Amooniyeem Naaytireet jedhamu kan Xaa’oo fi Boombii tolchuuf oolu, toonii 2,750 mana-kuusaa keessatti kuufameen uumame jedhe. Haaluma kanaan Mootummaan biyyattii balaa kanaan walqabatee qorannoo gaggeessuuf jecha, qondaaltonni buufata doonii Beeyruut hundi manuma isaanii keessatti to’annoo jala oolfamuu beeksise.

Hogganaan Gumurukaa Badrii Daaher gama isaatiin, dhaabbanni isaa keemikaalli kun akka bakka sanaa kaafamu gaafatee akka ture ibsuun, “tahus gaaffiin keenna hojii irra maaliif akka hin oolin adda baasuun gahee qorattootaati”jedhe. Balaa hamaa kanaan walqabatee Turkiyaa fi Qaxar dabalatee biyyoonni heddu hojjattoota yeroo balaa fi deeggarsa gara garaa Lubnaaniif erganii jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button