header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Dhuukaasa daangaa bulchiinsa Kutaa Kaashimiir keessatti loltoonni Paakistaanii fi Indiyaa wal irratti bananiin loltoonni 8 ajjeeffaman

Waraanni Paakistaan akka beeksisetti,  indiyaa dangaa Kaashimiir ce’uun dhukaasa baneen loltoota Paakistaan 3 eega ajjeeseen booda, loltoonni Paakistaan deebisaa kennaniin loltoonni Indiyaa 5 ajjeefamuu ibse.

 

Dubbii himaan humna waraana Paakistaan Jeneraal Asif Gafuur Twitter isaa irratti,  “loltoonni Indiyaa daangaa Kaashimiir sarara  to’annoo jedhamuun beekamu keessatti dhukaasa  eega jalqabanii booda, hanga ammaattis walitti bu’iinsi itti fufee jira”jechuun ibse.

 

Ejensiin odeeyfannoo Indiyaa immoo, daangaa  Paakistaanii fi Indiyaa   irratti lola geggeeffameen loltoonni Indiyaa 5 ajjeeffaman gabaasa jedhu ni haale.

 

Torbee  dabre keessa mootummaan Indiyaa, mirga ofiin ofbulchuu ummata Kaashimiir haquun naannicha mootummaa jidduu galeessaa jalatti bulchuuf eega labse booda,  biyyoota lamaan jiddutti wal dhabbiin hammataa dhufe.

Pak India1

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button