header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Oduu Ajaa'ibaa

Doktoroonni kolombiyaa Doollaara 5700 garaa namaa keessaa baqassanii baasuu himan.

Jaarsaafi JAartiin yeroo boqqonnaa isaanii gara biyya biraa deemanii boqachuuf mari’atanii walii galan. Garuu Maallaqa imala kanaaf isaan barbaachisu waan hinqabneef,  meshaalee electroniksii mana keessaa qaban gurguratanii, $7000 walitti qabatan. Haata’u malee yeroon beellama isaanii osoo hin gahin wal dhaban. Abbaan warraa maallaqa walitti qabanne naaf kennuu qabda jedheen.  haati warraa ammoo maallaqa kana atummaan hin argattu Abadan jettee dhoksuuf murteessite. Waan yaaddes erga raawwatteen booda hospitalatti of argite.

Dubartiin wagga 30 tun televiziyoonii biyyatti tokkottatti dhihaattee woyta dubbattu   “yeroo san hedduu dallane. Garaacha kiyya malee bakka mallaqa kana itti dhoksu ka biroo hin arganne. Kanaaf Doolaara abbaa 100 habbaa 70 maree liqimse”jette.

Dayirektariin hospitaala university Santander ‘juan Paulo Serrano’ gama isaatiin akkana jedhe “garaachaa fi mar’imaan dubartii tanaa  baqassinee doolaara abbaa dhibbaa  habbaa 57 basuun kan  danda’ame yoo ta’u,  wanti hafes karaa uumamaatiin ni baya jennee abdanna “jechuudhaan rooytarsitti hime.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button