Categories: Oduu Ajaa'ibaa

Doktoroonni kolombiyaa Doollaara 5700 garaa namaa keessaa baqassanii baasuu himan.

Jaarsaafi JAartiin yeroo boqqonnaa isaanii gara biyya biraa deemanii boqachuuf mari’atanii walii galan. Garuu Maallaqa imala kanaaf isaan barbaachisu waan hinqabneef,  meshaalee electroniksii mana keessaa qaban gurguratanii, $7000 walitti qabatan. Haata’u malee yeroon beellama isaanii osoo hin gahin wal dhaban. Abbaan warraa maallaqa walitti qabanne naaf kennuu qabda jedheen.  haati warraa ammoo maallaqa kana atummaan hin argattu Abadan jettee dhoksuuf murteessite. Waan yaaddes erga raawwatteen booda hospitalatti of argite.

Dubartiin wagga 30 tun televiziyoonii biyyatti tokkottatti dhihaattee woyta dubbattu   “yeroo san hedduu dallane. Garaacha kiyya malee bakka mallaqa kana itti dhoksu ka biroo hin arganne. Kanaaf Doolaara abbaa 100 habbaa 70 maree liqimse” jette.

Dayirektariin hospitaala university Santander ‘juan Paulo Serrano’ gama isaatiin akkana jedhe “garaachaa fi mar’imaan dubartii tanaa  baqassinee doolaara abbaa dhibbaa  habbaa 57 basuun kan  danda’ame yoo ta’u,  wanti hafes karaa uumamaatiin ni baya jennee abdanna ” jechuudhaan rooytarsitti hime.

Leave a Comment
Share
Published by
NuuralHudaa

Recent Posts

  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan “Jawaar Muhammad fi warri isa waliin ture hoggantoota mootummaa ajjeesuuf yaada qaban” jechuun yakke

Poolisiin Federaalaa ibsa galgala har’aa baaseen, Awwaalcha Artist Haacaaluu Hundeessaan wal qabatee yaalii ajjeechaa hoggantoota…

2 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mormii Godinaalee Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiruun walqabatee namoonni 50 ol ajjeefamuu gabaafame

Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hordofuun magaalota Oromiyaa heddu keessatti mormiin ka’e har’as kan…

2 days ago
  • Breaking
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan Itoophiyaa Obbo Jawaar Muhammad dabalatee namoonni 35 to’atamuu ibse

Komishiniin poolisii Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa ibsa waloon miidiyaa biyya keessaatiifi kennaniin, Obbo Jawaar Muhammad…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Adaamaatti  Namoonni 5 ajjeefamuu gabaafame

Ajjeefamuu artist Haacaaluu Hundeessaa hordofuun godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti mormiin hammatee jira, haaluma kanaan mormii…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Obbo Jawar Muhammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa hidhamuu gabaafame

Miidiyaan OMN Waajjira Ameerikaa irraa akka gabaasetti, Obbo Jawaar Muhammad fi Obbo Baqalaa Garbaa dabalatee…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Artist Haacaaluu Hundeessaa Ajjeefame

Artist Haacaaluu Hundeessaa galgala harraa magaalaa Finfinnee naannoo Galaaniitti rasaasaan dhahame kan ajjeefame tahuu gabaafame.…

4 days ago