header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Donald Tramp fi Kim Jong-Un Vetnaam magaalaa Haanoy keessatti marii kan jalqaban tahuu gabaafame

Hoggantoonni lamaan dhimma sagantaa Niwukilarii Kooriyaa Kaabaa fi haala qoqqobbiin Ameerikaan yeroo dheeraaf kooriyaa Kaabaa irra keette kaafamu irratti kan mari’ataa jiran tahuu gabaafame. Tramp mariin dura yaada kenneen, “prezdaant Kim waliin hariiroo jabaa uumnee jirra, mariin ammaa kun isa kanaan duraa caalaa bu’a qabeessa akka ta’u abdii qaba”jedhe.

 

Tramp yaada isaa itti fufuun, dhimma Niwukilarii Kooriyaa kaabaa ilaalchisee adeemsi hanga ammaa ture dansaa tahuu ibsuun, kana malees Kooriyaan Kaabaa humna diinagdee guddaa qabaachuu hime.

Prezdaantiin Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-Un gama isaatiin, marii kana qopheessuuf danqaan heddu kan ture tahus, marii kana irraa bu’aan gaariin ni argama abdii jedhu kan qabu tahuu ibse.

 

Hoggantoonni lamaan June 12/2018 marii isaanii kan jalqabaa Singaapoor keessatti geegeessuun ni yaadatama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button