header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooUSA

Donald Tramp hariiroo Ameerikaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waliin qabdu hunda addaan kutuu beeksise

Prezdaant Traamp Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO) weerara Covid-19 Chaayinaa keessatti jalqaba ka’e, dafee nu hin beeksifne jechuun qeeqaa ture. Prezdaantichi WHO’n badii isaa kana amanee tarkaanfiilee sirreeffamaa yoo kan hin fudhanne tahe, Ameerikaan deeggarsa dhaabbatichaaf kennitu addaan ni kutti jechuun akeekeekkachiisaa ture. Haaluma kanaan Donald Traamp kaleessaa hariiroo Ameerikaan WHO waliin qabdu hunda addaan kutuu beeksise.
Ameerikaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiif biyyoota hunda caalaa maallaqa guddaa kan kennaa turte yoo tahu, bara 2019 keessa qofa doolara miiliyoona 400 WHO kennuu isii odeeyfannoon ni addeessa.
Traamp ibsa kenneen “WHO’n dhiibbaa Chaayinaa jalatti kufee jira waan taheef, hariiroo dhaabbaticha waliin qabnu ni dhaabna; Ameerikaan kana booda maallaqa kana dhaabbilee birootiif dabarsitee kan kennitu taha”jedhe. Prezdaantichi itti dabaludhaanis “Addunyaan badii mootummaa Chaayinaatiin rakkataa jirti; Chaayinaan du’a lammiilee Ameerikaa 100,000 ol tahanii harka keessaa qabdi”jechuun yakke. Chaayinaan gama isiitiin Traamp lammiilee biyyattii sababa vaayirasichaatiin du’aa jiran baraaruu dadhabnaan harka nutti haqataa jira jechuun haalte.
Lammiileen Ameerikaa heddu ammoo weerara Vaayirasii koroonaa biyyattii keessatti lammiilee 104,000 ol galaafate to’achuuf, tarrkaanfiin buulchiinsi Traamp fudhataa ture laafa jechuun prezdaanticha qeeqan.
Hanga guyyaa kaleessaatti lammiilee Ameerikaa 1,793,530 vaayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu namoonni 104,542 du’uu gabaafame.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button