Categories: Odeeyfannoo USA

Donald Tramp marii nageenyaa hoggantoota Xaalibaan waliin karoorfatee ture haquu beeksise

Advertisements

Haleellaa dheengadda Afgaanistaan keessatti  raawwatame, kan qondaala ol’aanaa waraana Ameerika dabalatee namoota 11 galaafate,  gareen Xaalibaan itti gaafatamummaa fudhatuu isaa hordofuun, Prezdaant Donald Tramp marii nageenyaa hoggantoota Xaalibaan waliin iccitiin geggeessuuf karoorfatee ture haquu beeksise.

Tramp sabtii kaleessaa akka ibsetti, qondaaltota Xaalibaan ol’aanoo fi Prezdaantii Afgaanistaan waliin, Ameerikaa kutaa Varjiiniyaa  Masaraa Camp David jedhamu keessatti  iccitiin marii geggeessuuf Alhada har’aatti kan karoorfatee ture tahuu ibse. Tramp Ibsa isaa kanaan “Xaalibaan yeroo mariin nageenyaa kun xumura irra gahe kanatti haleellaa akkanaa  raawwatuun isaa, kana booda gareen kun nageenyi biyyattii keessatti akka bu’uuf kuttannoodhaan waligalticha kabajuun isaa nu shakkisiisee jira” jedhe.

Tramp itti dabaluudhaanis, Xaalibaan marii kana keessatti humna ol’aanaa ta’ee muldhachuuf yaalii godhaa jiru irraa of-qusatee,  hanga walii galtee dhukaasa dhaabuu geggeessutti , Ameerikaan mariin nageenyaa garee kana waliin jalqabde hunda dhaabuu ibse.

Xaalibaan fi Ameerikaan marii nageenyaa ji’oota 11 dabran Qaxar magaalaa Dohaa keessatti geggeessaa turan,  walii galteedhaan xumuruuf kan dhihaatan tahuu torbee dabre ibsuun isaanii ni yaadatama.

Recent Posts

  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Humni galaana Turkiyaa doonii dhaabbata qorannoo Israa’el Galaana Medtiraaniyaan keessaa baase

Dooniin dhaabbata boba’aa Israa’el tun, gara daangaa Cyprus seenuun galaana Meditraaniyaan keessatti hojii qorannoo barbaacha boba’aa irra kan turte yoo…

11 hours ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Prezdaantii Suudaan kan duraanii Umar Al-Bashiir irratti hidhaan waggaa lamaa murtaahe

Prezdaant Umar Hasan Al-Bashiir April dabre aangoo irraa eega fonqolchamee booda, malaamaltummaa fi seeraan ala maallaqa biyyoota biroo dhuunfachuun himatame…

2 days ago
  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Filannoo guyyaa kaleessaa Briteenitti geggeeffameen Paartiin Conservative injifate

Filannoo miseensota paarlaamaa ariifachiisaa kaleessa gaggeeffame kanaan, paartiin muummicha ministeeraa Boris Johnson kan biyyattii bulchaa jiru, teessoowwan 360 argachuun sagalee…

3 days ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Lammileen Itoophiyaa Suudaan jiran “dararamaa jirra” jedhan

Lammileen Itoophiyaa biyya Suudaan magaalaa Kaartuum jiraatan sababa waraqaa jireenyaatiin walqabatee waraana biyyattiin qabamanii manneen hidhaatti kan darbatamaa jiran tahuu…

3 days ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Haleellaa buufata loltootaa Niijeer irratti raawwatameen loltoonni 71 ajjeefaman

Haleellaa buufata loltootaa lixa Niijeer irratti raawwatameen loltoonni mootummaa 71 ajjeeffamuu, 12 immoo madaa'uu fi akkasumas loltoota hedduu achi buuteen…

3 days ago
  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Lammiileen Briteen mana maree biyyattii keessatti bakka bu’oota isaanii filachuuf sagalee kennaa jiran

Ummatni Briteen bara 2016 Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuuf rifarandamiin eega murteessee booda, mootummaan biyyattii adeemsa gamticha keessaa bahuu irratti walii…

3 days ago