Doonaald Traamp Ministeera Haajaa Alaa Reeks Tiilersan taayitaa irraa ari’e

Prezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp ministeera Haajaa Alaa Reeks Tiilersa taayitaa irraa ari’uun, hoogganaa CIA kan ta’e Maayik Poompe’o kan muude tahuu beeksise.

Traamp toora Twiterii isaatiin akka beeksisetti” Maayik Poompe’o ministeera Haajaa Alaa tahuun tajaajila. Hujii ajaa’iba tahe nuuf dalaga. Reeks Tiilersan tajaajila nuuf kenniteef galatoomi. Gina Haspel ammoo CIA hoogganuudhaan dubartii duraa taati” jedhe.

Comments
Loading...