header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dooniin  Galaana Diimaa irraan gara Yaman imalaa turte dhidhimuun baqattoonni lammiilee Itophiyaa 46 du’an

Baqattootnni Doonii qarqara Yamanitti garagalte keessa turan hundinuu lammiilee Itoophiyaa akka tahanii fi, achi buteen namoota 16 kan dhabame tahuu Dhaabbannii godaantota Addunyaa (IOM) beeksise. Hanga ammatti namootni reffi isaanii argame dubartoota 9 fi dhiira 37 akka tahe gabaasni arganne ni mul’isa.

Dooniin  Somaaliyaa buufata Bosaasoa irraa namoota 100 fe’attee gara Yaman imalaa turte tun Arba’aa kaleessa garagalte.

Ittigafatamaan Dhaabbata Godaantota Addunyaa damee Yaman Muhammad Abdulqaadir ibsa kenneen, gaanfa Afrikaa irraa ji’atti yoo xiqqaate godaantonni 7,000 galaana Diimaa akka qaxxaamuranii fi bara kana qofaa karaa seeraan alaatiin galaana qaxxaamuruun, namoonni 100,000 ol tahan Yamanii fi Biyyoota galoo galaana Arabiyaa kan seenan tahuu beeksise.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button