OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dooniin lammilee Ityoophiyaa 70 ol fe’attee Galaana Diimaa irra imalaa turte dhidhimuu gabaafame

Dooniin tun lammiilee Ityoophiyaa fe’attee Jibuutii irraa gara Yaman kan imalaa turte yoo tahu, halkan Sabtii dabree galaana Diimaa keessatti kan dhidhimte tahuu gabaafame. Namoota balaa kanaan du’an jidduu 60 dhalattoota naannoo Tigraay aanaa Atsbii Wanbartaa yoo tahan, mootummaan naannichaa Alhada fi Isniina kaleessaa du’a namoota kanneenii  maatiiwwan 40 oliif kan ibse tahuu FBC’n gabaase.

Namoonni balaa kanaan du’an kanneen biroo garuu lammiilee Ityoophiyaa tahuu malee naannoon isaanii hin beekamne.

 

Tags
Show More

5 Comments

  1. mashaa Allah !jabaadhaa oduulee ijoo adunya saganta TV irratti dhiyeesuun dhageefattootaa kessaniif oduu haqa dhageesisaa .maalif yoo jettan oduu barbaachaf dhageefatoonni akka chaanaali hin jijjiire,daw’a gaggabaaboo fi beekumsaa islaama argisiisan itti aansa.www

  2. maasha’allaah hedduu akkagaaritti qopheessujirtan bareedadha jabaadhaa jajjabaadha rabbi isinbira haajiraatu.

...

Back to top button
Close
Close