header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Dr Mahatiir Muhammad muummicha ministeera Maleeshiyaa tahuun muudame

Filannoo Maleeshiyatti geggeeffameen Dr Mahatiir Muhammaad paartii waggoota 60f hooggane kan Barisan National Coalition jedhamu gad lakkisuun, paartii mormituu Pakatan Harapan jedhamu bakka bu’ee dorgome. Partiin mormituu kun haala hin eeggaminiin barcumaa paarlaamaa biyyattii 222 keesaa barcuma 123 argachuun injifate.

Kanuma hordofuun Dr Muhammad har’a Kuwalaalaampur keessatti sirna geggeeffameen muummicha ministeeraa tahuun Najiib Raazaaq irraa taayitaa fudhate.
Dr Mahatiir Muhammad Manguddoon waggaa 92 muummicha ministeera biyattii torbaffaa tahun kan muudame yoo tahu, kana duras muummicha ministeera Maleeshiyaa 4ffaa tahuun biyyattii bulchuun isaa ni beekkama.


Muummichi ministeera duraanii Najiib Raazaaq waggoota kudhan dabraniif Maleeshiyaa kan hooggane yoo tahu, injifannoo ajaa’ibsiisaa paartiin mormituu galmeesse kana, “murtii ummataa waan taheef kabajaan fudha”jedhe.


Dr Mahtiir Muhammad tarkaanfiin mootummaa isaa kan duraa hogganaa paartii mormituu mana hidhaa keessa jiru Dr Anwar Ibraahiim dhiifamaan akka lakkifamu kan hojatu tahuu beeksise. Itti aansuudhaanis Dr Anwaarf taayitaa kan gad-lakkisu tahuu waadaa seene. Yeroo ammaa haati manaa Anwaar Ibraahim Dr Wan Azizah Ismaa’iil paartii mormituu kan hoogganaa jirtu yoo tahu, guyyaa har’aa Itti aantuu Muummicha ministeeraa tahuun muudamte.
Dr Mahtiir Muhammad Qabsoo Ummata Falasxiin deeggaruunis ni beekkama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button