header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Dr. Warqinah Gabayyoo Barreessaa Olaanaa IGAD ta’uun muudame

Dr. Warqinah Gabayyoo Barreessaa Olaanaa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa (IGAD) ta’uun muudame. Dr. Warqinahn baatii torba dura aangoo Ministeera haajaa alaa Ityoophiyaa gadi lakkisuun Sadarkaa Itti aanaa barreessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, hogganaa Waajjira Naayroobii tahee muudamuun isaa ibsamee ture. Haata’u malee muudamni Dr.Warqinah Gabayyoo sun sababa hin beekamneen eega haqamee booda, Dura taa’aan IGAD kan yeroo ammaa Dr. Abiy Ahmad hoggantoota biyyoota miseensa IGAD waliin mari’achuun iddoo ammaa kanatti kan muude tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Keeniyaan muudamni Dr.Warqinah kun adeemsa seeraa kan hin eeggatin jechuun jalqaba mormitee kan turte tahus, booda irra komii dhiheessite kaasuu isiitiin guyyaa kaleessa sirni aangoo wal harkaa fuudhuu kan geggeeffame tahuu gabaafame.

Haaluma kanaan Dr. Warqinah Gabayyoo kaleessa waajjira IGAD magaalaa Jibuutii keessatti argamutti, barreessa olaanaa IGAD duraanii Ambaasaaddar Injinar Mahbuub Mu’allim irraa aangoo kan fudhate tahuun beekamee jira.

Dr Warqinah G

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button