header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Dubartiin Hijaaba waliin bareeddi

Dubartiin Hijaaba waliin bareeddi. Faaya kanaan miidheydee ifti. Kabajaafi seenaa gaariis akkasiin arkatti. Tole jattee qooda isiif kenname jaalattee Rabbii isiitis akkasiin gammachiifti. Dhugatti, dubartiin Hijaaba kaayatte qalbii nama hawwatti.

Hijaabni dirqama Rabbiin keenya nurra kaaye. Guutumaan guututti waan bu’aa nuuf qabaati. Hijaabbachuun dhukkuba gubbaafi keessaa irraa Xaharamuudha. Badii fi amala fokkotaa irraa baraaramuudha. Hijaabbachuun mallattoo Iimaanaafi sodaa Rabbii qabaachuuti. Hijaabbachuun, kabajaafi saalfii qabaachuun cinatti yaada fageeffatanii warra Jannataa tahuuf gaabbuudha.

Yaa dubartii Muslimaa Hijaaba hadaraa! Rabbiin irratti si haa jabeysu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button