Abdullaahi bin Mas’uud akki je’u:
“Ilmi namaa hundi ganama keeysummaatu adunyaaf hirribaa lafaa ka’a, qabeenyi isa bira jirus amaanaadha. Kheeysummaan gala qabdi, amaanan abbaatti deebiti.” Galti keeysummaa du’aan gama aakhiraa hoggaa tahu, amaanaan abbaatti deebitus qabeenya ati walitti qabdu warra Rabbiin qoodeefiitu nyaataa isaaniitu itti hafa.
kanaaf Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam. “Ilmi namaa qabeenya kiyya qabeenya kiyya jedha. Qabeenyi kee waan nyaattee dhume malee, waan uffattee daare malee, waan sadaqattee ol kaayatte malee ni hafee!” ja’an. Qabeenya kee kan hafu Rabbiitu beekha nama nyaatu.
Abdullaahi bin Abbaas akki je’u: “Rabbiin duniyaa tana bakka sadiitti adda qoode. Qooda takka warra amaneef, qooda takka munaafiqaaf, qooda takka kaafiraaf addaan hire. Warri amane qoodaa isaaniitiin galata aakhiraa bitatan, munaafiqoonni qooda isaaniitiin duniyuma dabaluuf rakkatan, Kaafiroonni qooda isaaniitiin qananii duniyaa qofa itti bitatan.”
Rabbiin ol tahe akki je’e:
“Duniyaan heddumeeyfachuun isin shaakalee jira. Hanga duutanii qabrii seentan.” Duniyaan shaakala guddaadha qabdi. Fatanaa guddoodha. Dalagatnii kheeyrii duniyaa fii aakhiraa itti bitachuun ammoo furmaata isiiti. Isiif jecha obboleeysi obboleeysa jibbuu, haadhaa fii abbaa muruu, jaarsaa fii jaartiin addaan yaa’anii ilmaan hadiyyoomsuun hin malle. Wannumaan duniyaa barbaadaniifuu ilmaan, haadhaa fii abbaa, firaa fii aanaa, miskinaa fii dhabaa ittin gargaaruuf tahuu qaba.
Jilli qondaaltota mootummaa Sa’uudii fi bakka bu’oota hawaasa daldala biyyattii miseensa 50 qabu kun, itti aanaa ministeera haajaa alaa Sa’uudii…
Akkamitti Hakiima taate(hayyummaa arkatte)? Ja'ani Luqmaan al Hakiim gaafatan. "Dhugaan dubbadha! Amaanaan eega! Maalaaya'nii(waan bu'aa hin qabne) irraahin fagaadha." Ja'e.…
Balaan kun kaleessa galgala Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Algee Saachii keessatti kan muudate yoo tahu, konkolaataan Isuzu ummata fe’atee…
Prezdaantiin Komishiinii Gamtaa Awrooppaa Ursula Von der Leyen fi Daayirektarri tumsa idil addunyaa gamtichaa Ms. Jutta Urpilainen daaw’annaa hojiitiif har’a…
Daayirektarri Abbaa Alangaa Keeniyaa Nuuraddiin Hajjii Jum’aa har’aa ibsa kenneen, Bulchaa Godina Naayiroobii dabalatee qondaaltonni mootummaa 15 to’annaa jala akka…
ABO dabalatee paartileen morkattootaa 10 guyyaa har’aa hoteela Ililliitti waliin hojjachuuf, walii galtee mallatteessuu gabaafame. Paartileen waliigaltee mallatteessan kunniin 1.…