header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Duulli Uggura Booba’aa biyyattii keessatti jalqabame ammas torbee tokkoof dheereeffame

Torbee darbe guutuu biyyattii keessatti hanqina boba’aa uumuuf bootteewwan booba’aa gara biyyaa galchanis tahee kanneen biyya keessatti raabsan sochii tokkollee akka hin gone duulli jalqabamuun ni yaadatama.

Duulli kun naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessaatti bootteewwan boba’aa akka biyya keessaa hin sochoonee fi kan JIbuutii fi Suudaan irraayyis akka hin seenne godhamaa turee jira. Kanuma hordofuun buufataalee magaalota adda addaatti hanqinni boba’aa cimaan mudatuunis beekameera. Gama biraatiin hanqina boba’aa muudate kana irraan kan kahe mootummaan booba’aa kuufame faayyadamaa ture.

Duulli uggura booba’aa kun kan itti fufu yoo tahe dinagdee mootummaa irratti dhiibbaa guddaa uumuu danda’a jedhamee waan amanamee fi akkasumas guutuu biyyaatitti hojii irra akka oolu sababaa jedhuun uggurri kun torbee tokkoof kan dheereffame tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button