header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Eega Labsiin yeroo muddamaa labsamerraa kaasee godina Arsii lixaa fi Arsii irraa namoonni 240 ol ajjeefamuu ibsame.

Liigiin Mirga dhala nama gaanfa Afrikaa (The Human Right League of the Horn of Africa) guyyaa labsiin yeroo muddamaa labsame Fulbaana 28/2009 irraa hanga Onkololeessa 18/2009ti guyyoota 20 keessatti godina Arsii Lixaa fi Arsii irraa namoonni 240 waraana Mootummaan kan ajjeefaman ta’uu gabaase. Liigiin kun gabaasa isaa kana irratti guyyoota 20 kan keessatti Arsii Nageellee qofa irraa namoonni 70 kan ajjeefaman fi namoonni 335 hidhamuu, akkasumas Shaallaa fi Ajjeettis namoonni 85 kan ajjeefaman fi namoonni 400 tahan ammoo kan hidhaman ta’uu ibseera.

Dhaabbatichi gabaasa fuula 9 qabu kan Koomishiinii mirga Ilmaan nama Gamtaa mootummoota Adduunyaa (UN) dhiheesse irratti,  Ajjeechaa fi dararaan mootummaan Itoophiyaa bara 2005 irraa kaasee waggoota 12f keessattuu dargaggoota naannoo Oromiyaa irratti cimee kan itti fufe tahuu baldhinaan ibseera. Sababa waggaa tokko guutuu osoo addaan hin kutin gaafii mirgaa gaafataniif ajjeechaa fi dararaan guddaan yeroo labsiin yeroo muddamaa labsametti kan geggeeffame tahuu gabaasni kun ni addeessa.

Naannoo Oromiyaa irraa walumaagalatti guyyoota Fulbaana 28/2009 hanga Onkololeessa 18/2009 jiran guyyoota 20 keessatti namoonni 1,000 ol ajjeefamuu fi kuma Afurtamaa (40,000) ol kan tahan immoo hidhamuun gabaafamee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button