header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Eertiraan biyyoonni sadi nageenya biyya kiyyaa booressuuf qindoominaan socho’aa jiran jechuun yakkite

Mootummaan Eeritraa ibsa guyyaa har’aa baaseen, Turkiyaa, Qaxar fi Suudaan nageenyaa biyya kiyyaa booressuuf qindoominaan hojjataa jiran jechuun yakke.  Eeritraan ibsa kana irratti Turkiyaan gareewwan mormitootaa Isaayyaas Afaworqiitif waajjiraa fi deeggarsa teeknikaa kan kennaa jirtu yoo tahu, Qaxar ammaa deeggarsa maallaqaa kennaa jirti jette. Haaluma wal fakkaatuun ibsichi, mootummaan Suudaan biyyoota lamaan waliin tahuun mormitoonni mootummaa Eeritraa biyya isaa keessatti  akka gurmaa’anii fi socho’an kan hayyame tahuu addeesse.

 

Eeritraan akka jettutti,  biyyoonni sadeen deeggarsa mormitootaa godhaa turan eega Eeritraa fi Ityoophiyaan walii galtee nageenyaa mallatteessanii booda kan cime akka taheefi, wal gahiin dhiheenya kana mormitoonni Eeritraa magaalaa Khartuum keessatti geggeessan himannaa isii kana kan mirkaneessu tahuu ibsite.

 

Dabalataanis Turkiyaan maqaa “Liigii Ulamaa’ota Eeritraa”jedhuun dhaaba mormituu  “Liigii Muslimoota Eeritraa”jedhamuuf waajjira kan bante tahuu ibsi mootummaan Eeritraa baase kun ni mul’isa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button