header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ejensiin gargaarsa Turkiyaa muslimoota Rohingiyaatiif manneen 1000 ijaruuf kan qophaaye tahuu ibse.

Ejensichi muslimoota Rohingiyaa kanneen duguuggaa sanyii waraana Miyanmaariif hordoftoota amantaa Budihaa jalaa lubbuu isaanii baraaruuf,  gara Baangilaadishiitti baqatuun Kaampii Kooks Bazaaritti argamaniif manneen 1000 ijaaruuf karoora isaa kan xumure tahuu ibse.

Hogganaan dhaabbatichaa Deniiz Fenerii
“Ejensiichi karoora ijaarsa manneenii kana jalqabuuf  qophii isaa xumurrun guyyoota muraasa keessatti kan jalqabu taha” jedhe.

Kaayyoon ejensii kanaa lakkoofsa manneen baqattoota kanaa gara 10,000 ol guddisuu akka tahe ibse.

Hagayya 25,2017 irraa kasee muslimoonni Rohingiyaa 607,000 tahan duguuggaa sanyii waraanni mootummaa Miyanmaar isaan irratti raawwata jiru jala lubbuu isaanii baraaruuf, kutaa Rakhiinii irraa gara Baangilaadiishiitti baqatuu gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ni addeessa.

Mummichi ministeera Baangilaadiish Abuul Hasan Mahmuud duguggaa sanyii kanaan, ji’a hagayyaa irra kasee muslimoonni Rohingiyaa 3000 oli ajjeefamaniiru jedhe.
Gama biraatiin ammoo Hoggantuun moottummaa Miyanmaar Aangi Saan Suchii, duguuggaan sanyii akka haarayatti Muslimoota Rohingiyaa irratti eega hammaatee asitti, jiha sadi booda  dhiibbaa idil addunyaatiin guyyaa har’aa kutaa Rakhihayine daaw’atte.

 Naannoo lammiileen Rohingiyaa hedduun irraa ajjeeffamanii, 600,000 ol ammoo ji’a sadii keessatti qe’ee isaanii irraa buqqa’an kana erga daawwatteen booda, haawsni naannichaa nagayaan waliin jiraachuu qabdan qofa jechuudhaan gara dhuftetti deebi’uun isii, ammaas mootummaan Miyanmaar duguuggaa sanyii kanaaf kan  hin dhimmamin ta’uu mul’isa jedhameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button