header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Emreets fi Bahreeyn hariiroo dhoksaan Israa’el waliin tolfatanii turan ifatti labsan


Emreets fi Bahreeyn Kiibxata kaleessaa September 16, 2020, Washington DC keessatti hariiroo Israa’el waliin dhoksaan tolfatanii ifattti labsan. Sirna addaa Prezdaantiin Ameerikaa Donald Trump qopheesse kana irratti muummichi ministeera Israa’el Benjamiin Netaaniyaahuu fi ministeeronni haajaa alaa Emreet fi Bahreeyn argamuun, sanadii qophaahe irratti mallatteessanii jiru.

Emreets August dabre Israa’el waliin hariiroo uumuu eega labsitee booda, Falasxiin fi Turkiyaa dabalatee biyyoonni Islaamaa muraasni labsiin Abu-Dabii kun “gantummaadha”jechuun ifatti balaaleffataa jiru. Haata’u malee Gamtaan Biyyoota Arabaa torbee dabre keessa walgahii geggeesseen Emreets osoo hin balaaleffattin kan bira dabre yoo tahu, kanuma hordofuun Bahreeynillee Israa’el waliin hariiroo jalqabuuf murteessite. Haaluma kanaanbiyyoonni lamaan guyyaa kaleessaa hariiroo dhoksaan Israa’el waliin tolfatanii turan ifatti labsan.

Haata’u malee dhaabbileen Falasxiin ibsa tokkummaan baasaniin, Bahreeyn fi Emreets ummata Falasxiin irratti gocha gantummaa raawwatan jechuun balaaleffatan.
Ministeerri dhimma Hawaasummaa Bulchiinsa Falasxiin Ahmad Majdalani Aljaziiraaf yaada kenneen, marii biyyoonni Arabaa Israa’el waliin geggeessaa turan kana mootummaa Falasxiin kanaan dura gonkuma kan hin dhagayin tahuu ibsuun, yeroo qabsoon Falasxiin sadarkaa murteessaa irra gahe kanatti biyyoonni Arabaa ummata Falasxiin gananii Israa’el waliin hariiroo uumuun nu ajaa’ibsiisee jira”jedhe.
Walii galtee kaleessaa kanaan Bahreeyn, Emreet aanuun biyyoota galoo galaana Arabiyaa jahan jiddu biyya lammataa Israa’el waliin hariiroo tolfatte taatee jirti. Biyyoonni Arabaa kanaan dura Israa’el waliin hariiroo qaban Masri fi Urdun qofa turan.
Falasxiinonni akka jedhanitti gochi Emreets fi Bahreeyn kan isaan gaddisiise tahus, qabsoo walabummaa fi bilisummaa Falasxiin taakkuu takkallee kan ofduuba deebisu akka hin taane beeksisan.

Walii galtee kana booda halkan edaa xiyyaaronni waraana Israa’el magaalaa Gazzaa kan haleelaa bulan tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button