header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Emreets Rokeetii Qorannoo Hawaa gara Plaaneetii Mars jedhamtuu ergite

Emreets Rokeetii qorannoo Hawaa “Hope”jechuun moggaaste Wixata har’aa gara Plaaneetii Mars jedhamtu erguun, biyyoota Arabaa keessaa tan jalqabaa taatee jirti. Hanga har’aatti Ameerikaa fi Chaayinaa dabalatee biyyoota saddeet qofatu Mars irratti qorannoo geggeessaa jira. Rokeetiin gara Mars ergamte tun haala qilleensaa Plaaneetii tanaa qorachuu irratti kan xiyyeeffattu akka taheefi, biyyattiin guddina diinagdee beekumsa saayinsii fi teeknoolojii irratti hundaaye jalqabuu isii kan agarsiisu tahuus ibsamaa jira.

Ministeerri Saayinsii Emreets Sarah Amiri akka ibsitetti, projektiin Dhaabbanni Qorannoo Hawaa Emreet dhaabbilee barnoota ol’aanoo Ameerikaa waliin tahuun kana keessatti, Rokeetii tolchuu dabalatee hojiin harki caalu lammiilee Emreetiin akka hojjatameefi, walumaa galatti Doolarri miiliyoona 200 ol kan itti bahe tahuus himte.

Rokeetiin Hope buufata biyya Jaappaan keessatti argamu irraa dachii gadi lakkiftee sa’aa tokko booddee, wiirtuu qorannoo Emreets keessa jiru waliin wal qunnamtii kan jalqabde yoo tahu, yeroo imala isiitis tahee sana booda Paaneelii humna aduu fayyadamuu dandeessisu milkiidhaan diriirfachuun isitis beekamee jira.

Plaanettiin Mars dachii irraa Kilomeetra miiliyoona 494 kan fagaattu akk taheefi, Hope sa’aa tokkotti kilomeetra 121,000 imaluun ji’a saddeet booda Gurraandhala bara 2021 Marsi irra ni qubatti jedhamee eegama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button