header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Emreets Wiirtuu Gabbisa Niwkilarii biyyoota Arabaatiif kan jalqabaa tahe ifatti hojii jalqabsiiste

Emreets Wiirtuu Gabbisa Niwkilarii “Barakaa”jechuun moggaafate kana, daangaa biyyattii gama Qaxar aanu irratti kan ijaarte yoo tahu, teeknoolojii Kooriyaa Kibbaa fayyadamuun ri’aktaroonni afur gamanumaa Niwkilarii gabbisuu kan jalqaban tahuu gabaafame.
Mootummaan Emreets, Niwkilarii wiirtuu kana keessatti gabbifamuun humna elektrikii biyyattii barbaachisu jidduu dhibbeentaa 25 maddisiisuuf kan yaadame tahuu ibsaa jiran. Biyyattiin anniisa humna aduu irraa argamu irrattis investimentii guddaa kan geggeessaa jirtu tahuun walqabatee, kaayyoon wiirtuu Niwkilarii kun oomisha elektrikii qofaaf sababni jedhu amansiisaa akka hin tahin ibsamaa jira.
Keessumattuu Qaxar Soolaariin madda aannisaa Aduu gatii xiqqaa fi caalatti qulqulluu ta’e osoo jiru, buufata niwkilarii ijaarun “nageenya naannichaatiif yaaddoodha” jechuun qeeqxe.

Naannawa Baha jiddu galeessaa keessatti hanga ammaatti Iraan fi Israa’el niwkilarii gabbisuun kan beekaman yoo tahu,Xiinxaltoonni akka jedhanitti Emreets ifatti sochii kana keessa seenuun ammoo, naannichatti fedhiin oomisha meeshaa waraanaa Niwkilarii jiraatuu mullisa jedhan.

Ejensiin Annisaa Atomikii Idil Addunyaa, kan sochii gabbisa niwkilarii to’atu gama isaatiin, Sagantaa gabbisa niwkilarii Emreets kana jalqaba irraa kaasee deeggaraa akka ture himuun, “omishaa fi daldala annisaa qulqulluu keessatti boqonnaa haaraya kan bane”jechuun jaje.

Niwkilarii Emreets

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button