header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Erdoogaan, dubbii Doonaald Traamp Qeeqe

Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii guyyaa har’aa dhimma magaalaa Al-Quds irratti wal gahii gaggeeysaa oole. Prezdantiin Ameerikaa Doonaald Traamp, Biyyoota wal gahii har’aa irratti murtii Ameerikaa hin deeggarrerraa gargaarsa ni dhaabna jedhee dubbatee ture. Prezdantiin Tarkiyaa Rajab Xaayyib Erdogaan dubbii Doonaald Traamp kana cimsee balaaleffatee jira.

Prezdaant Erdogaan haasawa Khamiisa har’aa sirna badhaasaa tokko irratti taasiseen “Mr Traamp, fedhii dimokraatawaa ummata Turkiyaa Doolaara keetiin gonkumaa bituu hin dandeettu”jedhe. Dabalataanis “Biyoonni addunyaa Ameerikaa biyya Dimokraasiin itti dagaage jechuun yaamu; amma garuu biyyiti dimokrasiin itti dagaage jedhamte tun,  sagalee biyyoota biroo Doolaaraan bituu barbaaddi” jechuun qeeqe.
Erdogaan biyyoota Addunyaatiifis “Sagalee fi fedhii dimokraatawaa ummata keessanii doolaratti hin gurgurinaa” jechuun dhaamsa dabarse.
Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii dhimmaa Alquds/Jerusalem ilaalchisee labsii Traamp irratti sagalee kennuuf wal gahii ariifachiisaa kan yaame yootahu, Kora Khamiisa har’aa qophaayaa jiru irratti biyyoonni addunyaa sagalee akka Ameerikaaf kennan Ambaasadarri Ameerikaa Niikii Heelii xalayaa doorsisaa biiyyoota hundaaf kan barreessite tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.
Isniina dabre biyoonni miseensa mana marii Nageenya mootummoota gamtoomanii hundi, labsii Traamp mormuun sagalee kennuun isaanii niyaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button