Og-BarruuQissaa

Ergamaa Rabbii Muhammad(ﷺ) Qabrii keessaa baasuuf yeroo 4 yaaliin godhamuu quba qabduu?

Qopheessan Ustaaz AbdulJebbaar Aliyyii

Ergamaa Rabbii Muhammad(ﷺ) Qabrii keessaa baasuuf yeroo 4 yaaliin godhamtee fashalte.


1.Nama Mansuur ibnu Nazzaar ja’amuutu ture. Namni kun jallina daangaa dabre qabaachuu himan. Imaam Azzahabiin “Sheyxaana falfalaa Fir’owna” ja’een. Namni kun Sahaabaa arrabsaa ture. Karaa irratti rarraasee, akkasuma jidaara manaa irratti maqaa Sahaabootaa hammeenyaan kaasaa ture. Daangaa dabree reefka kabajamaa ergamaa Rabbii hatuuf ka’e. Garuu fashalee, salphatee hafe.
[Maddi : A’alaam Annubalaa’i 15/174]

2.Hijraa bara 400n booda mootiin Masrii kan Ubeydiyyootaa Shii’aa ture. Munaafiqoonni mootii kana gorsan, reefka Rasuulaatii fi kan Sahaabootaa Madiinaa baasee Masritti akka awwaalchisu gaafatan. Mootiin kunis yaada gorsitoota isaa fudhatee yaalii badii tanatti ka’e. Masrii keessaa iddoo awwaalchaa qopheessee, reefka Nabii fi Sahaabootaa akka baasanii fidaniif waraana Madiinaa tti erge. ‘Abal Futuuh’ namni je’amu dura bu’aa waraana kanaa ture. Yeroo isaan Madiinaa gayan, worri Madiinaa itti bayee qabsaawe. Qaari’ni al Zalbaanii ja’amu Qur’aana, Suuraa Tawbaa Aayata 3ffaa itti qara’aa ture.

  • أَلَا تُقَاتِلُونَ قَوْمًا نَكَثُوا أَيْمَانَهُمْ وَهَمُّوا بِإِخْرَاجِ الرَّسُولِ وَهُمْ بَدَءُوكُمْ أَوَّلَ مَرَّةٍ أَتَخْشَوْنَهُمْ فَاللَّهُ أَحَقُّ أَنْ تَخْشَوْهُ إِنْ كُنتُمْ مُؤْمِنِينَ *
  • Sila ummata waadaa isaanii diiganii, ergamaa (Rabbii) biyyarraa baasuu barbaadan, isaan dursanii kan isin (miidhuu) jalqaban odoo ta’anii jiranuu maaliif isaaniin hin lolle? Sila isaan sodaattuu? Yoo Mu’uminoota taatan Rabbitu Isa sodaachuu irra haqa godhata *
  • Haala saniin waraanni kun uggurame. Osoo hin turin Abalfutuuh hedduu cinqamuu eegale. Hojii isaattiis gaabbee turuu himan. Booda Rabbiin bubbee jabduu itti ergee isaan sossoose. Achiin Abulfutuuhis dhiisee irraa deebi’e.
    [Maddi : Al Samhuudii Wofaa’i Al-Wofaa 2/652]

3.Mootii Dowlaa Faaximiyyootaa nama Al Haakim bin Amrillaah ja’amuutu ture. Mootummaan kunis Dowlaa Shii’aati. Hogganaan kun warra Qabrii qotee reefka baasu leenjisee, reefka Rasuulaa baasanii akka hataniif Madiinaa tti erge. Jarri ergame Madiinaa gahanii ollaa Qabrii Rasuulaa qubatan. Eeganaa suuta lafa jalaan qotanii Qabritti gayuuf yaalanii turan. Boodarra garuu saaxilamanii argamanii ajjeefaman.
[Maddi : Islaam Su’aal wa jawaab]

4.Bara mootii Nuuraddiin Zankii ykn Malikul-Aadiliitu ture. Mootummaan kun warra Ahlu-Sunnaatiif tumsa jabaa godhe. Mootii haqaa jechuun beekkama. Bara aangoo isaa keessa Kiristaanoonni 2, Hujjaaja warra Magrib(Morookoo) waliin Madiinaa seenan.

Kaayyoon isaanii reefka kabajamaa Rasuulaa hatuudha. Namoota haalaan Rabbi sodaatu fakkaatanii dhufan. Fakkeessanii Ibaadaatti jabaatan. Qabrii Rasuulaa Ziyaaraa oolan. Akkasuma Qabrii Sahaaboonni baay’inaan itti awwaalaman Qubaa’iis dhaqaa oolan. Yeroo hunda Masjidaa Qur’aana qara’an. Manatti hoggaa galan ammoo, mana keessaan qotanii lafa jalaan Qabrii ergamaa Rabbiitti gahuuf ka’an. Osoo namuu irratti hin beekin xiqqo malee reefka kabajamaa Rasuulaatti dhihaatanii turan. Garuu mootichi Ahlu-Sunnaa Nuuraddiin Zankii manaamaan(abjuun) Rasuulaﷺ arge. Rasuulli “jara kana 2n irraa na baraari” ja’aniin. Nuuraddiin baaragee hirriba irraa dammaqe. Hedduu rifatee onneen dhahatte. Ka’ee Wadda’atee Salaatee deebi’ee rafe. Ammaas manaama abjuu duraatiin wal fakkaatu arge. Baaragee dammaqee akkuma reefuutti Salaatee deebi’ee rafe. Sadaffaa irratti garraan garuu “hirriibni hin jiru” jadhee ka’e. Manaama isaa kana Jamaala Diin al-Musallii nama je’amutti hime.


Dhimma abjuu kana sirritti hubatuuf Jamaalii waliin waliif galanii gara Madiinaa imalan. Madiinaa Rasuulaaﷺ dhufanii nama walitti qaban. Jara 2n Nabiin abjuun garsiise keessa barbaaduu jalqaban. Namuu Malika irraa kennaa akka fudhatu labsan. Warri Madiinaa hundi dhaqee kennaa san fudhate. Garuu mootichi jara 2n barbaadu hin arkanne. “Namni hafe jiraa?” ja’ee gaafate. “Lakkii namuu hin hafne. Garuu jara 2n tokkootu hafe. Isaan dureeyyiidha, kennaatti hin haajaman. Ammaas warra Ibaadaa akkaan godhu” jadhaniin. “Mee jara san yaamaa” ja’ee ajaje. Jarri hoggaa dhufan, Nuraddiin hedduu gammade.
Jarri jara hamoo Rasuulli manaamatti Nuraddiin garsiise sani. Jara 2n tohatee qorachuu jalqabe. Edaa jarri 2n Kiristaanota! Ibaadaaf osoo hin taane Rasuula hatuuf Madiinaa dhufan. Mana isaaniitis hoggaa qoratan, jarri mana keessaan gad qotee lafa jalaa deemanii Qabrii Rasuulaatti gahuuf xiqqootu hafeef ture. Sulxaanni jara qabee garafsiisee waa hedduu himsiise. Eegasii ammoo ni ajjeese. Akkasitti Sulxaan Nuuraddiin Zankii shira jaraa fashalsiisee gammade. Gammadee gammachuu keessa booye. Irra deddeebi’ee Rabbii isaatiif galata galche. Naannawa Qabrii Rasuulaatis jajjabeessee toolche. Goombisaa gubbaa qofa osoo hin taane, lafa jalaanis laaftutti qotanii akka itti gahuu hin dandeenye godhe. Akkasitti Rabbiin ergamaa isaa collee du’aa fi jireenyaanis isaan kabaje. Abadan hamtuun isaanitti gahuu hin dandeessu.
[Maddi/Akhbaaru daaril musxafaa (650-678)]

Show More

...

Back to top button