header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Filannoo guyyaa kaleessaa Briteenitti geggeeffameen Paartiin Conservative injifate

Filannoo miseensota paarlaamaa ariifachiisaa kaleessa gaggeeffame kanaan, paartiin muummicha ministeeraa Boris Johnson kan biyyattii bulchaa jiru, teessoowwan 360 argachuun sagalee caalmaa ta’een injifate. Paartiin Labour ammoo barcuma Paarlaamaa 203 qofa argate.

Paartiin Conservative filannoo injifachuu isaa hordofuun, muummichi ministeeraa Boris Johnson Briteen hanga January 30/2020tti Gamtaa Awrooppaa keessa kan baatu tahuu beeksise. Haaluma kanaan Mr.Johnson kaabinee mootummaa biyyattii haarayatti hundeessuuf sochii kan jalqabe tahuu odeeyfannoon ni addeeessa.

Gama biraatiin ammoo Paartiin Labour yeroo kamiyyuu caalaa morkataa cimaa tahee dhihaachuun isaa bal’inaan kan ibsamaa ture yoo tahu, bara 1935 asitti yeroo jalqabaatiif sagalee xiqqaa argate. Hogganaan Paartii Labour Jeremy Corbyn filannicha irratti akka yaadametti injifatee mootummaa haaraya hundeessuu dadhabuun kan isa gaddisiise tahuu ibsuun, Paartiin Labour akka walii galaatti sagalee ummata Briteen ibsuu danda’uun isaatiin kan itti boonu tahuu beeksise. Mr. Corbyn kana booda angoo hoggansa paartichaatis nama birootiif gad lakkisuuf qophii tahuullee ibse.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button