header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Filannoo Prezdaantummaa Kongoo-DRC keessatti geggeeffameen hogganaan paartii mormituu kan injifate tahuu gabaafame

Komishiiniin Filannoo biyyattii bu’aa Filannoo prezdaantummaa December 30/2018 geggefamee halkan edaa kan ibse yoo tahu, haaluma kanaan  hogganaa paartii mormituu kan tahe Mr Felix Tishisekedi sagalee 38.57% argatuun kan injifate tahuu beeksise.

 

Taajjabdoonni filannichaa adeemsi filannoo Koongoo hanqina heddu kan qabu akka ture ibsuun, bu’aa filannoo kanaa hordofuun walitti bu’iinsi ka’uu mala jechuun akeekkachiisaa turan. Kanuma hordofuun poolisiin biyyattii Waajjira Komishiinii filannoo dabalatee naannolee dhaabbileen mootummaa keessatti argaminitti eeggumsa kan cimse tahuu gabaafame.

 

Adeemsi filannoo kun hanga dhumaatti yoo kan milkaahu tahe, Koongoon bara 1960 Kolonii Beeljiyeem jalaa walaba eega baatee asitti, hoggantoonni biyyattii yeroo jalqabatiif taayitaa karaa nagayaatiin kan waliif dabarsan taha. Prezdaant Jooseef Kaabilaa yeroon bulchiinsa isaa waggaa lama dura kan dhume tahus, sababa gara garaatiin biyyattii keessatti filannoon osoo hin geggeeffamin kan ture tahuun ni beekkama. Haa tahu malee filannoo amma geggeefame kana hordofuun Prezdaant Kaabiilaan waggaa 18 booda taayitaa gad lakkisuuf kan qophaaye tahuu beeksisera.

 

Koongoon Albuudawwan gara garaa dabalatee qabeenya uumamaa hedduun biyya badhaate yoo taatu, fedhii diinagdee biyyoonni dagaagan Koongoo irraa qabaniin wal qabatee biyyattiin yeroo dheeraaf walitti bu’iinsa keessa kan turte tahuun ni beekama.

 

2 Comments

  1. Maashaa Allaahu haalli barnoota amantaa fi odeeffannoo adda addaa itti nuun gahaa jirtan gaariidha haaluma kanaan itti fufaa!!!!!!!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button