header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Filannoo Prezdaantummaa Turkiyaa har’a geggeeffameen Prezdaant Rajab Xayyib Erdogaan injifate

Turkiyaan rifarandamii bara dabre geggeessiteen bulchiinsa biyyattii sirna paarlaamentii irraa gara prezdaantummaatti eega jijjiirteen booda, ummanni biyyatti Alhada hardhaa yeroo jalqabaatiif Prezdaantii  isaa kallattidhaan filachuudhaaf sagalee kenne. Dabalataanis Filannoon miseensota paarlaamaatis guyyuuma hardhaa  kan geggeefame tahuun beekamee jira.

 

Paartiileen siyaasaa saddeet filannoo kana irratti kan hirmaatan yoo tahu, kaadhimamtoonni prezdaantummaa jaha ammoo waldorgommiif dhihaatanii jiru. Kaadhimamtoota prezdaantummaaf dhihaatan  jidduu Mr Muharram Inche prezdaant Rajab Xayyib Erdogaaniif morkataa cimaa ni ta’a jedhamee tilmaame ture.  Haata’uu malee filaanichi Injifannoo Prezdaant Erdogaaniin kan xumurame tahuu hogganaan  Boordii Filannoo Turkiyaa Mr Sayyid Guvan Ibse.

 

Bu’aa filaannoo hanga ammatti lakkaa’ameen Prezadaant Erdogaan 53â„… , mormituun isaa Muharram immoo  31 % argatuun injifatame. Bu’aan filannoo kan xumuraa july 5 kan ibsamu tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button