header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Filannoon mana marii magaalota Finfinnee fi Dirree Dhawaa bara dhufutti dabre

Paarlaamaan Itoophiyaa walgahii idilee guyyaa kaleessaa taa’een, filannoon mana maree magaalaa Finfinnee fi Dirre Dhawaa tti waggaa shanitti al tokko gaggeeffamu bara dhufutti akka darbu murteesse.
Filannoo ji’a Eblaa keessa gaggeeffamuun irra ture kanaan miseensonni mana marii bulchiinsa magaalaa Finfinnee akka haarayaatti kan itti filaman, akkasumas Kantiibaa fi Bulchiinsi haarayni kan itti muudamu tahuun isaa ni beekkama.

Haaluma walfakkaatuun filannoon magaalaa Dirree Dhawaa fi guutuu biyyaatti sadarkaa gandaatti taassifamuun irra ture, waggaa tokkoof akka dheeratu paarlaamaan murteesse.
Filannoon woggaa tokkoof bara 2011tti haa dheereffamu malee, ji’a kam keessa akka geggeefamu hin murtoofne. Aadde Shittaayee Minaalee itti aantuun afa-yaa’ii mana maree akka ibsitetti, yaada filannoo kana irratti mareen qaamota baayyee hirmaachisu waan barbaachisuuf ammatti bara dhufu ji’a kam keessa akka tahu murteessuun hin danda’amne jette.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button