header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Finciltoonni kibba Yaman keessatti mootummaa Emreetin deeggaraman magaalaa Adan too’atan

Hidhattoonni mootummaa Emreetiin deeggaraman kanneen naannawa kibba biyyattii Yaman irraa fottoqsuuf lolaa jiran, Khamiisa har’aa magaalaa Adan tan mootummaan biyyattii beekkamtii UN qabu keessa qubatee ture guututti too’atanii jiru. Ganama har’aa loltoonni mootummaa Yaman magaalaa Adan tan buufata doonii qabdu hidhattoota irraa ittisuuf kan falmataa turan yoo tahu, haleellaa xiyyaaraan raawwatameen yoo xiqqaate loltoonni mootummaa 30 ol kan ajjeefaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Dubbi himaan hidhattoota Emreetiin deeggaramanii kan mana maree ce’umsaa Yaman Kibbaa jedhamuun beekamuu Heeyitam Nizaar, “magaalaa Adanii fi naannawa isii guututti too’annee jirra”jechuun AFP’tti hime.

Mootummaan Yaman kan Sa’uudiin deeggaramu finciltoota Huusiitiin Sana’aa keessaa eega ari’amee booda Adan keessa qubatee ture. Haata’u malee finciltoonni gama kibbaa August 10 magaalattii mootummaa harkaa baasuun kan qabatan yoo tahu, Arba’aa kaleessaa garuu magaalaan Adan too’annaa mootummaa jalatti deebi’uu ibsamee ture.

Sa’uudii fi Emreets gama tokkoon, mootummaa Yaman waliin tahuun garee Huusii Kaaba biyyattii too’ate kan rukutaa jiran yoo tahu, gama birootiin ammoo Emreets Kibba biyyattii keessatti finciltoota deeggaruun, mootummaa biyyattii beekamtii UN qabu kana Adan keessaa buqqisaa jirti. Haalli Yaman keessatti wal xaxaa ta’aa dhufe kun Sa’uudii fi Emreet jidduttis wal shakkii guddaa kan uume tahuus odeeyfannoon ni mul’isa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button