Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

113: Garaagaruummaan waajibaataafi arkaana salaataa maali?

Gaafii: Waldhabbiin waajibaataa salaataatiifi arkaana salaataa maali?

 

Deebisaa: Salaanni shuruuxa shan qaba. Waajibaata saddeet qaba. Arkaanni salaataa kudha afuri. Waajibaata jechuun waan salaata keessatti yoo beekaa dhiifte salaanni badu, yoo irraanfiin dalagde ammoo sujuudussahwiitu bakka bu’a. Arkaanni ammoo beekaan dalagdu, wallaalaan dalagdu, irraanfiin dalagdu, kudha afur keessaa tokko yoo dhiifte salaanni kee baaxila. Kana cufa asitti lakkaahuuf waan yeroo hin qabneef jecha bikka ulamaa’iin jirtutti dhihaadhuutii baradhu.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam