132: Namni karaa halaal hin taaneen imala deemee soomana cabse maal godha?

  • Home
  • Soomana
  • 132: Namni karaa halaal hin taaneen imala deemee soomana cabse maal godha?
Estimated reading time: 2 min

Gaafii: Namni tokko yoo karaa halaala hin ta’iniin imala deemee soomanallee balleesse, soomana san akkamitti soomana? Nama gaafannaan kaffaaraa wajji baafta naan jedhanii soomutti jira.  Kaffaaraa san ammoo guyyaa guutuu nama nyaachisaa ooluu qaba moo hukmiin isaa akkami? Hiriyoota kiyyaanillee sooma san haa soomannuu jedhee itti himee jennaan nutuu gaafa san karaa Rabbi hin jaalanneen deemaa, dubartii halaala hin ta’in wajjiin turree, amma sooma maaltu nurraa taqabbalamaa naan jedhan.

 

 

Deebisaa: Namni tokko yoo dogongoree karaarraa bade, ma’siyaa itti fufuun barbaachisaa miti. Warra tokkotu gaaf tokko Finfinnee dhufee “nuti shiftaa gurguddaadhaa, nuti ammallee halkan baankii cabsinaa, horii namaa fudhannaa, nama saamnaa, nama ajjeefnaa, hojii tana dhiisuu hin dandeenyuu, salaanni maal nu fayyada; soomnillee maal nu fayyada; soomanuufi salaatuun keenya Rabbitti taphachuu, Rabbitti qalladuu hin ta’uu? Soomuufi salaatuu yoo ufirraa dhiifne hoo?’’ naan jedhan. Rabbiin guddaan Qur’aana keessatti salaatni dhugaan lubbuu qabdu, ta arkaana isiitiif shuruuxa isii, waajiba isii, sunana isii guuttatte, hamtuu irraa nama dhoorkiti jedha. Salaata yoo beekaa dhiisan kaafira ta’an. Uzrii takkaan malee namni salaata beekaa dhiise ni kafara hadiisa jedhu lamaa saditu jira. Horii namaa fudhachuufii shiftummaan kun ammoo kufritti nama hin geessitu. Kufriifi ma’siyaan abadan walitti hin qixxaahu. Kanaaf jecha dubbii walitti laaquun barbaachisaa miti. Nuti gaafa san ma’siyaa hojjataa turreeyyuu, dubartoota halaala hin taane wajji deemaa turreeyyuu jedhanii waan itti najifaman san sababaa godhatanii sooma maalii qadaa baafnaayyu jechuun aakiraa ufiitiifi qabrii ufiititti taphachuudha. Warra aakiraafi aayata Rabbii guddaatti taphatan sun, nullee guyyaa qiyaama isaanitti taphachuu jiraanna jedha Rabbiin guddaan. Kun duuba haqiiqaa Rabbiin Qur’aana keessatti ibse. Uf ganutti jiran malee collummaa miti jedha Rabbiin guddaan SW. Namni imala halaalaa deemu imala keessatti sooma soomuunuun isarra hin jiru. Ulamaan gariin namni hattummaafi shiftummaaf karaa ma’siyaa, karaa Rabbiin hin jaalanneen deemu, dubartiin ajnabiyyaa wajji deemtu, dubartiin maarama malee deemtu salaata gabaabsuufi wanni soomana keessatti ruksaa namaaf ta’u isiif hin ta’u jedhan. Obboleessi keenya an amma soomanutti jiraa kaffaaraallee baasi naan jedhanii akkamitti kaffaaraa tana baasa? jedhee gaafate. Kaffaaraa tana guyyaa guutuu nama nyaachisaa ooluu qaba moo kaffaaraa jechuun akkami jedhe. Ta duraa kaffaaraa baasuun sirra hin jiru. Namni karaa ma’siyaatiin wallaalumman deemee yoo sooma balleessellee soomuma san qofa kafaluu qaba malee kaffaaraa itti dabaltee baasta daliilli jedhe tokkollee hin jiru. Garuu ajnabiyyaa waliin deemuun sun ma’siyaa birootii ma’siyaan ittuma katabamti. Yoo tawbate Rabbiin isaa araaramuu ni mala. Sun gabrichaafi Rabbi jidduu jirtii namni tokkollee hukmii irra kaayuu hin danda’u. Sooma qadaa baasuun ammoo nama Muslimaa hundarratti waajiba. Namni sooma ufiitti taphate hundi sooma isaa qadaa baasuu qaba. Kanaaf jecha asitti wanni beekamuu qabu namni tokko yoo zamana tokko ma’siyaadhaan dabre, soomana balleesse san qadaa baasuun isarra jira inshaa Allaah.

 

 

Sheikh Alii Jimmaa

waan si dhibeef deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 78
Comments
Loading...