header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

165: Namni manaa bahu du’aa’ii fulaa kamitti kadhata?

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Du’aa’ii manaa bahaniifii du’aa’ii mana seensaa yoo kadhannu akkuma beektan du’aa’ii yoo manaa baanuu bismillaahi, tawakkaltu Alallaahi, walaa hawla quwwata illaa billaah’ jedhanii manaa bahani. Garuu gaafiin kiyya eessarraa jalqabaa? An mana fooqii sadaffaa gubbaa gala, yoo mana an keessa jiraadhurraa gad bahu du’aa’ii kadhadha moo yoo fooqii irraa gad bu’ee dallaya manaa irraa bahu kadhadhaa?

 

 

Deebisaa: Mana kee irraa yoo gad baatu kadhatta. Yoo manni fooqii sadanuu kiyya ka jettu taate yeroo dallayaa gad baatu kadhadhu. Yoo lakkii manni na laallatu mana an keessa galuu golli tiyya tama fooqii sadaffaa gubbaa sani yoo ka jettu taate akkasumatti yoo mana kee irraa gad baatu jedha shari’aan. Kanaafuu mana kankee situ beeka eessatti jalqabee eessatti dhumataa. Du’aa’iin ol seensaallee akkasuma gabaabdutti.

 

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 74

Kanas dubbisi!

166: Namni fatwaa dhagaye tokko irraa ka’uun nama biraatii fatwaa godhuu danda’aa?
159: Khuxbaarratti aamiin jechuun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button