header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

168: Rahiima waldhabaniin osoo hin araaramin Ji’a Ramadaanaa soomuun akkami?

  • Home
  • Firummaa
  • 168: Rahiima waldhabaniin osoo hin araaramin Ji’a Ramadaanaa soomuun akkami?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Ramadaan dura adaadaa tiyyaan waldhabee telefoona isiillee ufirraa balleessee Ramadaanni dhufuu dhageenyaan Ramadaan keessa wal dhabuun hin ta’u naan jedhanii isii barbaadee dhabee telefoona isiillee hin qabuu akkanumatti Ramadaan baasee soomni kiyya akkami?

 

 

Deebisaa: Nama Ramadaana keessa osoo beekuu waldhabee Ramadaan dabarse shari’aan islaamaa dogongora guddatti lakkoofti. Warri gariin waajibni Ramadaan sirraa bu’aa garuu ajriin Ramadaanaa sirraa hir’ata warra jedhutu jira. Akka shari’aan Rabbii guddaa dubbattetti namni tokko yoo obboleessa islaamaatiin waldhabe ka walitti dhihaataniif yookii rahiimaa osoo hin ta’ini sun jajjabduudhaayyuu yoo waldhaban guyyaa sadi irra dabruu hin qabu jetti shari’aan. Ramadaana keessa ta’uun isaa ammoo dilii birooti sunis dacha biro namatti ta’a jechuudha. Shari’aan Rabbii guddaa nama lama ka waldhabe yoo rahamanni Rabbii qoodamu yoo araaramni Rabbii qoodamu guyyaa Khamisaatiif guyyaa isiniinaa jedha Rasuulli Rabbii ? nama lamaan waldhabe ufirraa hanbisaa araara kiyyarraallee tursiisaa, akkasuma Rabbiin rahmata isaa irraallee booda oolcha. Jechuun Rahammata Rabbii keessa hin jiruu jannatni Rabbiillee isarraa cufaadha jechudha haga waldhabbii qaban sani. Kanaafuu obboleeyyan keenya rakkoo waldhabbii qabaniif walmufatanii taa’ani kun rakkoo guddaa namarraan geessi haa ufirraa eeggannuu akka gaaritti. Hattaa yoo namni lamaanuu itti waldhagahuu dhabanii tokko si dide gara kiyyaa owufii jedhii salaamatuma irratti qara’i inni fedhu haa diduu akka diliin isarratti deebitu yoo inni dideef.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 120

Kanas dubbisi!

177: Xabala dhiqachuun akkami?
167: Haqa abbaa kiyyaatu dursa moo haqa jaarsa kiyyaattu dursa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button