Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

249: Dubrummaa dhiiraa maaliin mirkaneessan?

Gaafii: Intalti takka yoo isiin heerumte dubraa mitii jedhan abbaan manaa, dhiiraan wajjiin turte jedhanii waa heddu irratti oofan. Qulqullummaa dhiiraa hoo maaliin beeyna? dhiirri tokko osoo bultii hin jaarin dura dhalaa biroo waliin hamtuu dalaguu dhabuu isaa akkamitti mirkaneeffanna?

 

 

Deebisaa: Dhugaadha dubri waan irraa badutu jira yeroo hedduu. Kanaaf abbaan manaa sun intala dubraa irratti waa hima. yeroo heddu dhiirri fuudha barbaadu intala dubraa tan dhiirri biroo hin tuqin barbaada. kanaaf horii guddaa itti baasee intala akkasii fuudha. gaafa haala saniin fuudhee manaan gahatee dubra tahuu dhabuu isii mirkaneeffate, dhimma kanarraa dubbachuu eegala. dubrummaan intalaa haala salphaan beekamuu danda’a. kanaaf dhiirri heddu waan kana gaafata. gama birootiin wanti ittiin mirkaneeffatan jiraachuu baatus, dubrummaan dhiiraatis numa jirti. dhiirri osoo dhalaa takkatti hin dhihaatin hanga guyyaa fuudhaatti ture dubrummaa qaba numa jedhama. dhalaan dhiira akkasii feetus waan kana ulaagaa godhattee haala saniin jaarsa barbaaddachuu mirga guutuu qabdi. as biratti wanti hubatamuu qabu. akka shari’aa islaamaatti intalti dubraa takka dubrummaa isii eeggachuu qabdi. hanga heerumtutti dhiira tokkottis dhihaachuu hin qabdu.

 

Gama kaaniin dhiirri akka fedhe tahuu mirga qaba jechuun shari’aa islaamaa keessa hin jirtu. dhiirris akkuma dhalaa sanitti kabajaa ofii eeggatee turuu qaba. osoo dhalaa takkattis hin dhihaatin jaartii fuudhee isii wajji walitti dabalamuu qaba. akkuma dhalaan kabajaa isii eeguu qabdu, dhiirrinis kabajaa isaa eeggatee turuu qaba. Dhiirtichi takkaa dubartii argee hin beeynellee dubra jedhama. Dubri takkaa dhiira argitee hin beeynelleen dubra jedhamti. Qulqullinna Rabbiin isaanitti beeku santu laallamee maqaa saniin yaamaman. Kanafuu dubra ka jedhan dubartii qofaa mitii dhiirtichi takkaa haraama hin seenin takkaa dubartii biraa fuudhee hin beekin akkasuma dubra jedhama. Daliilli dubbii kanaa gaafa A’ishaan Faaximaa intala Rasuulaa (SAW) dubbiin tuyxe san; “Maal haati tee ta abbaan kee guddoo dubbataa oolan tun tama namni meeqa irra babbaheetuma ziyaare mitii?” jettee cinaa babbaatee dubbatti haati teenya A’ishaan yeroo heddu. Hogguu san faaximaan Sabrii dhabdee akka malee qalbii cabdee “Haatii teenya A’ishaan yeroo hedduu akkas naan jettii aabboo jettee isiin Rasuulatti (SAW) himannaan; “humaa mitii intala tiyya abshiir, yoo isiin dubrummaan natti heerumuuf if dhaadde, haati tanteellee ana dubraa na argattee jedhii itti himi” jedheen Rasuulli Rabbii ? qalbii Faaximaa fayyisuuf. Hogguu san Faaximaan saniin ofirraa deebifte. eega sanii Aa’ishaalleen waan san takkaa hin dubbanne jechu. intalti takka yoo nama dhiiraa ka takkaa dubartii hin arginitti heerumuu qaba jettee seera godhatte; isiinillee karaa barbaaddeen nama sani hubachuun mirga isiitii. Garuu yeroo hedduu dubartiin seera kana kaayattu hin jirtu. nama dhiiraa qofatu yoo isiin dubra taate dubra jedhee gammadee, yoo isiin dubra hin ta’inis wanni waan kana jala deddeemaniif waan kanatu lafa jira.

Sheikh Alii Jimmaa

Ibsa dabalataa: (Karaan durbrummaa dhiiraa ittiin mirkaneessan hanga ammaa hin jiru. hospitaala fedhanis dhaqan, dhiigaafii waan adda addaatis laalanii dubrummaa dhiiraa mirkaneessuun hin danda’amu. tarii if dura teknoolojii addaatiin mirkaneessuun danda’amuu mala. ammaaf garuu waan danda’amuu miti)