Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

259: Wudu’atanii qaama dhiqachuun rakkoo ni qabaa?

Gaaffii: Yeroo qaama dhiqannu dura wudu’atanii qaama dhiqatan jechutu jiraa; yeroo qaama dhiqatan kana ammoo namni saala ufiitti bubbu’aa saalli kunis yeroo namni samunaan diqatuu qaamni saalaa nama garii ufirraa dadammaqaa yoo akkasii wudu’uni nama sani ni bada moo wudu’uni sun wudu’a sirriitii?

 

 

Deebisaa: Rakkoo hin qabu Rasuulli Rabbii ? wudu’ateetuma janaabaallee dhiqataa, wudu’ateetuma qaama isaallee dhiqata. Kanaafuu wudu’atanii qaama dhiqachuun rakkoo hin qabuu wanni wudu’a cabsaa tokkolleen hin jiru inshaa Allaah. Namtichillee dhufee Rasuula gaafatee ? qaama kiyya yoo harkaan itti bu’e akkamii jedhe. Maal yoo miila keetti buute maal taata jedheen Rasuulli ? hin cabu jechu. Garuu yoo abbaan ufii isaatii beekaa uf taphachiisee qaamuma isaatti niyyatee uf taphachiisee jedhe sun baaba biraatii wudu’a ni cabsa.

 

 

Sheik Alii Jimmaa