header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

269: Dubartiin Surree uffattee Soomuun akkami?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Soomni keenya  baranaa kun akka malee shakkii na qabsiisee, ganda arabaa kana hojjannaa Arabni tun ta mataa laaftuuf ta mataa jabaatutu jiraa ka mataa jabaatutti Rabbi nu qabee surree uffattan malee mana keessatti hojii hin hojjatinaa nuun jedhanii, huccuu dhedheeraa harkisaa mana keessa hin deeminaa nuun jedhanii, kanaafuu surree uffannee soomanaa baanee surree uffannee mana keessa dalagaa baanee soomni keenya akkam ta’aa? Silaa hojii sanuu dhiifnee deemuu mallee garuu qalbiin nu diddee hojii dhiisanii hojii barbaadunillee hin taatu jenneetuma imaanni keenya laafee surree uffannee soomanaa baanee akkami? Dubartiin surree uffatte abaaramtee jirti nuun jedhaanii mee malli keenya maalii? Soomanni keenya faayidaa maalii qabaa eega abaaramaa jiraannee jechatu nutti dhagayamee mee bakka tana nuuf ibsaa?

 

 

Deebisaa: Dhugaadhaa abaaree jira Rasuulli Rabbii dubartii surree uffattu. Dhiiratti fakkaachuu saniif abaaramte. Bareedumni isii tolli isiillee huccuma Rabbiin isiidhaaf kenneen malee, dhiiratti fakkaachuudhaan hin ta’u haala kamiinuu taanaan. Rifeensa murachuu taanaan waan adda addaatiin dhiiratti fakkaachuun barbaachisaa miti. Garuu soomni kee qeebalamuuf surree uffaachuu keessattu dubartiin mana keessatti wanni sooma sirraa balleessaa hin jiru. Garuu dhiiratti fakkaachuu saniif yoo ka dhiirri si argu ta’e, yoo ajnabiyyaan ka si argitu taatee diliin isii guddo. Kanaafuu yoo mana keessatti haati manaa yoo abbaa manaa ufiitiif surree uffatte yookii bakka dhiirri isii hin arginetti surree dubartiittu jiraa surree dubartii manuma ufii keessatti uffattee, bakka namni tokko ajnabiyyaan ujoollee sabiyyii waan hin ta’in bakka isii hin argine yoo jiraatte rakkoo hin qabu. Surree dubartiin mana ufii keessatti uffachuun rakkoo hin qabu.  Garuu yoo akka kaadimaatti mana namaa jiraattan ijoolleen jaraa dardarri jaraa warri nama irraa hin goruu kanaafuu yoo dhiirri si argaa jiraatee, yeroo ati surree uffattu fitnaa qaama kankeetii akka ajnabiyyaan hin garreef shari’aan Rabbii abaarsa fidee jechu. Kanaafuu haala lachuu keessatti laalladhaa yoo surree dubartii taatee akka dhiirri nutti hin seenne jettanii mana keessan  cufattanii gara kushiinaa dubartiin jirtu sani akka dhiirri isinitti hin seenne yoo ufirraa eegdan rakkoo hin qabu. Hijaabni keessan yeroo dhiirri ajnabiyyaa isin argu, haa ta’uu surreen mana keessatti rakkoo hin qabuu jedhe uffadhaa gadi bahaa hin jenne. Sheekhni surree nuuf hayyame hin jedhinaa. Yoo dubartii qofa taatan mana keessatti mana isin jiraattan keessatti sharxii surreen sunuu surree dubartii ta’een surree dhiiraa uffachuun hin ta’u. Akkasuma sharxii dhiirri ajnabiyyaa isin hin argineen isiniin jedhe.

 

 

 

Sheik Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 367

Kanas dubbisi!

271: Intala masaanuun haadha tiyyaa nama birootiif dhalte fuudhuu dandayaa?
268: Intala nikaha booda osoo waliin hin argin/rafin yoo hiikan mahariin isii akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button