header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

273: Waraqaa Qur’aanni irratti katabamee irraa tarsa’e lafaa yoo argine gubuun taatii?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Kitaaba qur’aana gubuun ni taatii? lafarraa guuree bakka wayiitti dhossa. Abbaan manaa bira dalagu muxawwaadhaa waan jedhan bakka biraatti guuruu irra gubutu irra gaariidha jedhanii.

 

 

Deebisaa: Dhugaadha gubutu gaariidha. Kitaaba qur’aanaa yoo inni dhume waa lama keessa tokko godhutu gaari. Takka dirree qulqulluu barbaadanii qotanii keessatti awwaaluu, ta lammaaffaa gubuudha. Yeroo guban sanillee daaraa isaa san bakkuma arganitti naquudhaa mitii daaraa qur’aanaa sanillee dirree qulqulluu barbaadanii achitti dhossutu irra gaariidha. Kitaaba qur’aanaa yoo tuffiidhaaf xiqqeessuudhaaf ka guban taate kufriidha ta’a. Namni akkas dalage diinii keessaa baha. Yoo ammoo kabajuudhaaf, akka namni irra hin dhaabbanne saniif jecha ka guban taate ajriif sawwaaba Rabbi biraa itti argatan. Daliilli isaalleen Usmaan ibnu Affaan (Rabbi isarraa haa jaalatuu) zamana isaa keessa Qur’aanni Masaafa garagaraan katabamee ture. Namni qur’aana kanniin haala garagaraan dubbisaa ture. Kana booda inni Masaafni tokko akka barreeffamu godhe. Kan sanirraa hafe Masaafa kaawwan walitti qabee gube. Kanaafuu daliillilee kana. Zamana Abubakarillee (Rabbi isarraa haa jaalatuu) akkasuma, ka namni garii lafee irratti barreesse, kan namni garii gogaa horii irratti barreesse, cufa irraa fuudhee masaafa irratti barreesse. ka hafee fuudhee  gubee. Kanaafuu gubuun tuffiidhaaf yoo taate haraama yoo kabajuudhaaf taate ajrii itti argatan. Garuu bakka qulqulluu barbaadanii bakka qulqulluu sanitti dhossuu/achitti awwaaluun gaariidha jechu.

 

Sheikh Abdurahman Shariif

 

 

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 94

Kanas dubbisi!

290: Nama of ajjeese irratti salaatuun taatii?
245: Bismillaah yoo olqabanii jedhaniif yoo gad qabanii jedhan akkam?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button