278: Wayta Salaataa harka gama bitaatiin onneerra kaayachuun danda’amaa? Rabbiin bakka hunda jira kan jedhamu hoo?

  • Home
  • Aqiidaa
  • 278: Wayta Salaataa harka gama bitaatiin onneerra kaayachuun danda’amaa? Rabbiin bakka hunda jira kan jedhamu hoo?
Estimated reading time: 2 min

Gaafii: Obboleessa kiyya biyya hararitti abbaan kiyya diinii haa baratuuf erge. Biyya Hararitti gurbaan amanti ahabashii baratee gale. Abbaan koo amata tokko booda si argaa koottu jedhee hoggaa inni deebi’u, gurbaan ka diinii ahabashii yookaan ka aqiidaa ahabaashii qabatee itti dhufe. Harka gama bitatti qabata salaata keessa hoggaa jiru. Rabbiin bakka mara jira jedha. Maaliif harka gara bitaadhaa keetta jennaaniin onnetu achi keessa jiraa sheeyxaanni akka na hin waswaasneef achirra kaayaa jedhe

 

 

Deebisaa: Gariin ulamaa’ii harka qoma irra kaayachuu osoo hin taane, harka gama bitaa kaayachuutu ta’a jedhan. Maaliif jennaan sheyxaanatu qalbii namaa waswaasaa, onneen namaallee waan gara bitaa kana jirtuuf, bakka onneen kiyya jirtu san akka sheyxaanni na hin waswaasne, harka kiyya kaaya, yookaa sheeyxaan akka irraa dhoorkuuf jecha gama bitaa kaaya jedhan. Jechi suni ishitihaada ulamaa’iitii garuu haqa kilaafa. Maaliif jennaan Ergamaan Rabbii ﷺ dalagaan isaa ka nu irraa dhaalle, sahaabaan irraa dhaaltee walirraa dhaalanii haga hardhaatti hadiisni sahiihni itti jiru, Rasuulli wayta salaatu ﷺ harka isaa qomarra godhaa kan jedhudha. Kanaafuu Rasuulli ﷺ salaataa akka anaa salaatu na agartanitti Salaataa jedhe. Akka Rasuulli ﷺ salaatu sanitti salaatuun dirqama. Kanaaf jecha gama bitaa san kaahuun daliila kilaaftii, waan isiin daliila kilaaftuuf jecha da’iifa, qabatama hin qabdu, kan qabatama qabu ka Rasuulli Rabbii ﷺ dalage, wayta salaatan harka qomarra kaayuudha.

Rabbiin bakka hunda jira jechuun aqiidaa warra jahamiyyaati, aqiidaa mu’tazilaati, aqiidaa warra karaa irraa jallateeti. Rabbiinillee quraana isaa keessatti nuuf ibsee, Rasuullillee ﷺ hadiisa sahiihaa keessatti nuuf ibse. Rabbiin arshii isaa irratti ol  ta’ee jira. Arshiin irra taa’a jechuun dogongora. Rabbiin (SW) akka inni taa’u nuuf hin himne.  Ka Rabbiin nuuf himee Rasuulli isaallee nuuf ibse ﷺ Rabbiin akka inni Arshirratti ol ta’e qofa. Akkaataa inni itti ol ta’e gaafatuun bida’adha. Ol  ta’iinsa isaaf malu ta gabroota isaatti hin fakkaanne san Rabbiin (SW) arshiin irratti ol ta’ee jira. Kan kana hin ta’in namni jedhu karaa haqaa irra hin jiru. Jechi isaan sun dogongoraa warra karaa Rabbii irraa jallatee mu’tazilaa, jaamiyyaa warra santuu fakkaataa isaanii ahbaashaafii  Ashaa’iraa fi fakkaataa isaaniitu jecha akkanaa kana jedha. Jechi sun quraana Rabbiille ni kilaafaa, sunnaa Rasuulaallee ni kilaafaa akkasuma ijmaa’a sahaabaatiif waan salafussaalih kana kilaafaa. Qur’aana keessatti Aayata torbaa oltu ka maa’naa kana ibsu jira. Ka ammoo lafzii biraatiin Rabbiin akka ol jiru ibsu heddu. Akkasuma Rasuullillee ﷺ ka hadiisa Rasuulaa keessatti ibse hedduudha. Olta’uun Rabbii kun qooda saditti qoodama, zaataan ol ta’aadhaa, akkasuma Rabbiin (SW) jabeenyaanillee ol ta’aadha, akkasuma Rabbiin (SW) kabajaanillee ol ta’aadha. Ashaa’iraan Lama ni aqarraran (fudhatan), Rabbiin kabajaan ol ta’aa ta’uu, Rabbiin dandeettiin ol ta’uu ashaa’iraan yookaan warri akka ahbaashaa kunniin ni aqarraran.  Kan isaan didan zaataan Rabbiin, lubbuu isaatiin, ol ta’uu san. Diduun isaanii sunillee dogongora. Maaliif jennaan qur’aana keessatti aayata zaahiratti itti dhufe kana kilaafuun waan fakkaataatii miti. Rabbiin bakka mara jira jechuun ammallee hiikkaa fokkataatu irraa as baha. Yoo akkamitti  jettan Rabbiin bakka wasakaa,  bakka wanni hundi jirtu cufa keessa jiraa jedhanii yoo gaafatan, jecha kana jijjiiranii Rabbiin bakka takkaahuu osoo hin jirre jira jedhan. Sun sanuu daran inumaa hin jiru jechutti hiikkaan.

 

Sheikh Abdurahman Shariif

waan si dhibeef deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 41
Comments
Loading...